Loltummaan gufuuwwan nama mudatan dura dhaabbachuun naamusaa fi gootummaa gaafata.- Leetenaal Jeneraal Shuumaa Abdataa - ENA Afaan Oromoo
Loltummaan gufuuwwan nama mudatan dura dhaabbachuun naamusaa fi gootummaa gaafata.- Leetenaal Jeneraal Shuumaa Abdataa
Mudde26/2018(ENA) – Loltummaan Gootummaa fi naamusa guutuun dhaabbachuun gufuwwan namtolchee fi uumamaan osoo hin injifatamiin cimanii dhaabbachuu gaafata jedhan Ajajaa duula addaa Leetenaal Jeneraal Shuumaa Abdataa ibsan.
Gidduugalli Leenjiin duula addaa loltoota leenjii bu’uura loltummaa leenjisaa ture guyyaa har’aa sirna ho’aan eebbiseera.
Eebbifamtoonni kun leenjii bu’uuraa Loltummaa fi ulaagaa filannoo koomaandoo kan guutanidha.
Sagantaa eebbaa kanarratti kan argaman Ajajaa duula addaa Leetenaal Jeneraal Shuumaa Abdataa ogummaan Loltummaa Gootummaa Naamusaan guutame kan barbaadu ta’uusaan olitti qormaatilee uumamaa fi namtolcheen osoo hin injifatamiin dhaabbachuu barbaada jedhaniiru.
Kun yeroo ta’u lubbuu darbuun seenaa hin dabarre barreessuun onnee lammiilee keessatti dhalootaa dhalootatti darbuun barabaraan akka jiraatu ibsaniiru.
Leenjii bu’uura loltummaa xumuranii loltoonni eebbifaman fuulduratti komaandoo, humna qilleensaa(ayyarwaladii), humna addaa fi farra shororkeessaa akkasumas eegumsa humna rippaabilikaatti makamuuf leenjii isaan dandeessisu gahumsaan akka bahan hubachiisaniiru.
Ajajaan duula addaa fi humna eegumsa rippaabilikaa fi miseensonni yeroo haalli rakkisaan Itiyoophiyaa mudate hundatti jiraachuusaanii qabatamaan kan mirkaneessan ijoollee guyyaa rakkoo ta’uusaanii Leetenaal Jeneraal Shuumaa Abdataa ibsaniiru.
Eebbifamtoonni kun turtiisaanii gahumsa qaamaa cimaa, tooftaawwan waraanaa adda addaa, halkanii fi guyyaa bobba’uu fi shaakalaan kan gabbifatan ta’uun olitti barumsa xiinsammuu fi fayyaa kan baratan ta’uusaanii kan ibsan immoo Ajajaa gidduugala Duula Addaa Birgaadar Jeneraal Bojaa Aagaa dha.
Gidduugalli leenjii kun humna simannaasaa sadarkaa olaanaan guddisuun kan ibsan Birgaadar Jeneraal Bojaa Aagaa bu’uuraalee misomaa leenjii babal’isuun danda’ameera jedhaniiru.
Eebbifamtoonni turtii leenjiisaaniitti hoggantoonnii fi leenjiftoonni isaan gahoomsuuf tattaaffii taassisan hundaaf galateeffachuun, leenjii bu’uuraa koomaandoo fuulduratti isaan eeggatuuf qophii ta’uusaanii odeeffannoon Miidiyaa Onlaayinii Raayyaa Ittisa Biyyaa ni mul’isa.