Bulchiinsichatti hojii tola ooltummaan maanguddoota deeggaruu fi kunuunsuu cimee itti fufa. - ENA Afaan Oromoo
Bulchiinsichatti hojii tola ooltummaan maanguddoota deeggaruu fi kunuunsuu cimee itti fufa.
Mudde 26/2018(ENA) - Bulchiinsichatti hojii tola ooltummaan maanguddoota deeggaruu fi kunuunsuu cimee itti fufuu akka qabu kantiibaan bulchiinsa magaalaa Dirree Dawaa Kadir Juhaar ibsani.
Maanguddoota deeggaruuf fiigichi daandii irraa waggaa waggaan adeemsifamu marsaan 10ffaa har’a bifa ho’aan adeemsifameera.
Fiigicha daandii irraa kana irratti kantiibaa magaalaa Dirree Dawaa fi hoggantoonni olaanoo bulchinsichaa, ogeessonni aartii beekamoonii fi jiraattonni hirmaataniiru.
Kantiibaan magaalichaa Kadi Juwaar wayita sana akka jedhanitti maanguddoota, biyyaaf tajaajila guddaa kennan, amma dandeettii dhaban deeggaruun, kunuunsuun itti gaafatamummaa lammummaa isa guddaadha.
Maanguddoonni yeroo isaaniitti guddina biyyaafi tokkummaaf gumaacha olaanaa kan buusan ta’uu eeruun, isaan imaanaa guddaa nurraa qaban kanneen kunuunsuunii fi deeggaruun cimee itti fufuu ibsaniiru.
Maanguddoota kanneen giddugala keessa jiraatanis ta’e kan mana dhuunfaa isaanii keessa jiraatan waliin nyaachuun, akkasumas mana isaanii ijaaruu fi haaromsuun deeggarsi taasifamu cimee akka jiru eeraniiru.
Giddugalli Daawit maanguddootaa kunuunsu, maanguddoota deeggaruunii fi kunuunsaa jiru akka fakkeenyaatti kan eeramu ta’uu himuun, fiigichi marsaa 10ffaa har’a adeemsifames ibsituu kanaati jedhani.
Hundeessaan giddugalichaa Daawit Baqqalaa gama isaaniin maanguddoota deeggaruunii fi kunuunsuun hojii eebbifamaa lafaa fi Waaqa biratti fudhatama qabu waan ta’eef namni kamiyyuu isaan yaadachuu akka qabu dubbataniiru.
Tola ooltota giddugalicha gargaaran waliin ta’uun lafa kaaree meetira kuma 5 bulchiinsichi kenne irratti gamoo mana jireenyaa ammayyaa ijaaramee tajaajilli kennamuu eegaluun maanguddoonni jireenya fooyya’aa akka jiraatan kan taasise ta’uu ibsaniiru.
Guyyaa har’aas maanguddoota deeggaruuf fiigichi fiigame gahee olaanaa waan qabuuf qaamolee hirmaatan hunda maqaa maanguddootaan galateeffataniiru.
Jiraattonni kuma 18 ol Tiishartii fiigichaa bitatanii kan irratti hirmaatan ta’uu kan eerame yoo ta’u, fiigicha irratti kanneen hirmaatan gara fuula duraattis deeggarsa barbaachisaa akka itti fufan ibsaniiru.
Fiigichi kuni akkaataa sadarkaa umurii namootaan waan qophaa’eef ,kanneen irratti hirmaatanii injifataniif akkaataama sadarkaa isaaniin badhaasa meedaaliyaa fi kan biroo kantiibaa magaalichaa obbo Kadir Juwaarii fi keessummoota biroo irraa badhaasa isaanii fudhataniiru.