Tamsaasa Kallatti:

Dirree Dawaatti Omishni ga'aan Ayyaanaaf dhihaateera

Mudde26/2018(ENA)–  Dirree Dawaatti Gabaa  Ayyaana  Qilleef  omishni Beelladaa fi  Midhaanii  haala ga’aa ta’een  dhihaachuusaa Waajjirri Daldalaa Bulchiinsichaa  beeksise.

 Itti gaafatamaan Waajjira Daldalaa Bulchiinsichaa Obbo Amiinuu Xahaa akka dubbatanitti , torban Itti Aanaan  Ayyaanota kabajaman   shammattoonni  omisha Qonnaa fi  Industirii  fi horii qalmaa  gatii madaalawaan  gabaaf dhihaateera.


 

Gandoota Baadiyaa Bulchiinsichaatti waldaaleen gurmaa’an Omishni Qonnaa Gabaa sanbataa fi Dilbataaf dhiheessusaanii eeruun Industiriiwwan omisha nyaataas Baazaarii Daldalaa fi Egizibiishinii  Magaalichatti qophaa’anitti   argisisiisuusaanii ibsaniiru.

Dabalataanis naannoolee ollaa waliin  walitti hidhaminsa uumameen  omisha qonnaa fi horii qalmaa  sadarkaa ga’aa ta’een  gabaaf akka dhihaatu ta’uu  ibsaniiru.


 

Akka ibsa obbo Amiinuutti, ayyanota sababeeffachuun daldaltoota gatii hin malle shaqaxootarratti dabalan gochasaaniirraa akka of qusatan  barsiisuurra darbee tarkaanfiin seera fudhatamaa jira.

 Hordoffii fi to’annaan  ayyaanaa taassifamaa jiru  cimuusa ibsuun daldaltoot seeraan ala gatii dabalan15n irratti  tarkaanfiin Bulchiinsa fi seeraa fudhatameera.

Jiraattonnis  ayyaana Qillee bara kanaaf  omisha industirii fi qonnaa  bakkeewwan adda addaa gabaaf qophaa’anitti  dhihaachuusaanii ibsaniiru.


 

Gabaawwan ayyaanaaf qophaa’aniin omisha barbaadan bakka tokkotti gatii madaalawaan  shammataa jiraachuusaanii ibsaniiru. 

Gatiin beelladaa kana bara darbeen yeroo madaalamu wal fakkaataa  ta’uu ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015