Aadaan siyaasaa nagaa qabeessi milkaa’ina Filannoo Dimokirasiif bu’uura - ENA Afaan Oromoo
Aadaan siyaasaa nagaa qabeessi milkaa’ina Filannoo Dimokirasiif bu’uura
Mudde26/2018(ENA)– Aadaan siyaasaa nagaa qabeessi milkaa’ina Filannoo Dimokirasiif bu’uura murteessaa ta’uu Ministirri Nageenyaa Mahaammad Idiriis ibsan.
Ministeerri nageenyaa Mana maree waloo paarstiilee siyaasaa Itiyoophiyaa waliin qindaa’uun Mata duree “sochii siyaasaa nagaa qabeessa Filannoo nagaaf“ jedhuun waltajjii marii gaggeessaa jira.
Ministirri Nageenyaa Mahaammad Idiriis Waltajjicharratti akka dubbatanitti, Filannoon ijaarsa mootummaa fi sirna dimokiraasii cimsuuf utubaa cimaadha.
Paarsiileen siyaasaa nagaa fi tasgabbii biyyaa eegsisuurratti itti gaafatamummaa guddaa akka qaban eeruun, adeemsa filannoo nagaaf qooda murteessa qabaachuusaanii dubbataniiru.
Keessumaa waktii filannoos ta’e yeroo biroo sochiiwwan siyaasaa taassifaman kamiyyuu tokkummaa biyyaa fi nageenya uummataa haala eegeen raawwatamuu akka qabu dubbataniiru.
Filannoo nagaaqabeessa mirkaneessuuf hojii mootummaa qofa osoo hin ta’iin qindoomina paartiilee siyaasaa, kan dhaabbilee hawaasa sivilii fi tattaaffii hawaasa hundaa kan gaafatu ta’uu ibsaniiru.
Filannoon biyyoolessaa 7ffaan milkaa’inaan akka xumutamuuf paartiileen siyaasaa itti gaafatamummaasaanii akka bahaniif waamicha dhiheessaniiru.
Itti gaafatamaan Manne maree waloo paartiilee siyaasaa Itiyoophiyaa Salamoon Ayyalaa gamasaaniin Manni mariachi sirna Dimokiraasii cimaa ijaaruu fi sirna paartii himaachisaa cimsuuf shoorasaa taphachaa jiraachuu dubbataniiru.
Filannoon biyyoolessaa 7ffaan milkaa’aa akka ta’uuf manni mariachi qophii barbaachisaa raawwachaa jiraachuu ibsaniiru.