Tarsiimoon Dijitaala Itiyoophiyaa 2030 qulqullinaa fi dhaqqabummaa barnootaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qaba - ENA Afaan Oromoo
Tarsiimoon Dijitaala Itiyoophiyaa 2030 qulqullinaa fi dhaqqabummaa barnootaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qaba
Mudde 26/2018(ENA) – Tarsiimoon Dijitaala Itiyoophiyaa 2030 qulqullinaa fi dhaqqabummaa barnootaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu deetaan Ministira Barnootaa Korraa Xushunee ibsani.
Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 yeroo ifatti eegalsiisan, Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2025 sadarkaa guutummaan guutuutti jechuun danda’amuun galma ga’uu isaa ibsuun isaanii ni beekama.
Deetaan Ministira Barnootaa Korraa Xushunee akka jedhanitti, filannoowwan teeknooloojii dijitaalaa sirnaan fayyadamuun qulqullinaa fi waliin gahinsi barnootaa akka mirkanaa’uuf murteessaa ta’uu ibsaniiru.
Ariitii guddina idil addunyaa hordofuun, damee barnootaan hawaasa beekumsaa fi gahumsa qabu horachuuf tarsiimoon dijitaala Itiyoophiyaa 2025 gahee olaanaa taphatee darbeera jedhani.
Keessumaa adeemsa baruu fi barsiisuu ammayyeessuunii fi kenniinsa qormaataa dijitaalawaa gochuun nageenya qormaataa eeguun danda’ameera jedhani.
Itti dabaluunis, tarsiimoon kun dhaabbileen barnoota olaanoo dirree leenjii imala dijiitaalaayizeeshinii biyyattii deeggaran akka bananii fi humna namaa damichaan gahumsa qabu oomishuuf galtee akka argataniif haala mijataa uuma jedhan.
Badhaadhina biyyattii mirkaneessuuf hojii ammayyeessuun eegalame daran haala mijeessuuf Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 mootummaan hojiirra oolchuu isaa ibsaniiru.
Tarsiimoon kun lammiileen filannoowwan teeknooloojii dijitaalaatiin gargaaramuun, bakka jiran hundarraa barnoota isaanii akka hordofan kan taasisu ta’uu ibsaniiru.
Tarsiimoon kunis dhaqqabamummaa barnootaa fi qulqullina walitti makuun bu'aa guddaa akka qabaatu hubachiisaniiru.
Damee teeknooloojii dijitaalaa irratti humna namaa ogummaa qabu horachuuf akkasumas dhaabbilee barnoota olaanoo indaastirichatti dhiheessuuf ciminaan ni hojjanna jedhaniiru.
Itti dabaluunis barattoonni beekumsa qabatamaa fi dandeettii teeknooloojii akka horatan kan taasisu ta’uu ibsaniiru.
Bu’aa qorannoo dijiitaalaayizeeshinii hojiirra oolchuudhaan dameen barnootaa milkaa’ina tarsiimoo kanaaf itti gaafatamummaa biyyaalessaa eegamu ni fudhata jedhaniiru.