Waraqaan eenyummaa Faayidaa dijitaalaa, galma Itiyoophiyaan ijaarsa diinagdee dijitaalaa qabatti milkeessuuf gahee guddaa qaba. - ENA Afaan Oromoo
Waraqaan eenyummaa Faayidaa dijitaalaa, galma Itiyoophiyaan ijaarsa diinagdee dijitaalaa qabatti milkeessuuf gahee guddaa qaba.
Mudde 26/2018(ENA) - Waraqaan eenyummaa Faayidaa dijitaalaa, galma Itiyoophiyaan ijaarsa diinagdee dijitaalaa qabatti milkeessuuf gahee guddaa qaba jedhan qindeessaan olaanaa sagantaa waraqaa eenyummaa biyyaalessaa Yodaahee Ara’ayasillaasee.
Sagantaa waraqaa eenyummaa dijitaalaa biyyaalessaa marsaa 2ffaa, fiigichi daandii irraa kiiloo meetira 5 mata duree "Faayidaa Itiyoophiyaaf" jedhuun gaggeeffamu magaalaa Jigjigaatti gaggeeffameera.
Saganticha irratti argamuun ergaa dabarsaniin obbo Yodaaheen,lammiileen waraqaa eenyumma dijitaalaa Faayidaa fudhachuun mirga lammummaa isaanii fayyadamuu akka qaban ibsaniiru.
Itti aanaan piresidaantii mootummaa naannoo Somaalee Adan Ibraahim sirni waraqaa eenyummaa dijitaalaa misooma biyyattiif barbaachisummaa guddaa akka qabuu fi naannichatti dhaqqabamaa taasisuuf tattaaffiin taasifamaa jira jedhan.
Tajaajila hawaasummaa fi dinagdee argachuuf lammiileen hundi waraqaa eenyummaa dijitaalaa fudhachuu akka qabanis dubbataniiru.
Fiigichi har'aa adeemsa galmee waraqaa eenyummaa dijitaalaa kakaasuu qofa osoo hin taane, dargaggoota dorgomaa ispoortii ta’an horachuuf carraa guddaa kan uumu ta'uus ibsaniiru.
Fiigicha daandii irraa kana irratti hoggantoonni naannolee, atileet Komaandar Daraartuu Tulluu, namoota beekamoo, atileetonnii fi kutaaleen hawaasaa adda addaa akkasumas jiraattonni magaalaa Jigjigaa hirmaataniiru.