Tamsaasa Kallatti:

Bu’uuraaleen misoomaa bakkeewwan hawwata tuuristootaa babal’achuun dorgomtummaa tuuriizimii Itiyoophiyaa fi hirmaannaa damee dhuunfaa guddisaa jira.

Mudde 26/2018(ENA)- Bu’uuraaleen misoomaa bakkeewwan hawwata tuuristii babal’achuun dorgomtummaa tuuriizimii Itiyoophiyaa fi hirmaannaa damee dhuunfaa guddisaa jiraachuu Ministirri Turizimi ibse.

Dameen turizimii dameewwan mootummaan xiyyeeffannoo itti kennu keessaa tokko yoo ta’u, guddina diinagdee Itiyoophiyaaf utubaa ijoo kanneen jedhaman keessaa tokkodha.

Itiyoophiyaan qabeenya turizimii seenaa fi aadaa hedduu kan qabdu yoo ta’u, kennaawwan kanneen immoo keessattuu erga jijjiiramaan asii haalaan itti fayyadamuu irratti hojjetamaa jiraachuu himameera.

Ministeera Tuurizimiitti Daarektarri Olaanaa Damee Bu’uuraalee misoomaa Saamu’eel Haayilu ENAtti akka himanitti, mootummaan qabeenya turizimii hin misoomsamne karaa piroojektoota Maaddii Shaggar, Maaddii Biyyaa fi Maaddii Dhalootaa misoomsuu danda’een, bakka gahumsa turizimii mijataa taasisuu danda’eera.


 

Iddoowwan hawwata turizimii haaraa fi duraan turan haala miidhagina biyyattii jijjiiruu qofa osoo hin taane tuuristoonni hedduu gara Itiyoophiyaatti akka dhufan taasisaa jiru.

Haaluma kanaan biyyattiin bakka filatamaa konfiraansii turizimii taasisuudhaan dorgomtummaa idil-addunyaa ishee guddachaa akka jirus dubbataniiru.

Mootummaan abbootii qabeenyaa damee turizimii irratti hirmaataniif deeggarsa kennaafii jiraachuu eeruun, dameeleen dhuunfaas Finfinnee dabalatee naannoolee adda addaa keessatti bakkeewwan hawwata turizimii misoomsuun hirmaannaa isaanii guddisaa jiru jedhani.

Gahee dameen dhuunfaa indaastirii turizimii keessatti qabu daran guddisuu fi qabeenya uumamaa fi namtolchee biyyattii daran addunyaatti beeksisuuf ciminaan hojjechuu akka itti fufus akeekkachiisaniiru.

Hogganaan Waliigalaa Dhaabbata Tuu Laayit Tuur obbo Yittaayyawu Taarikuu gama isaaniitiin haalli mijataa fi bu’uuraaleen misoomaa mootummaan damee kana keessatti uume akka gara hojiitti seenaniif kaka’umsa guddaa akka isaaniif ta’e himaniiru.


 

Dhaabbanni isaanii daawwattoota gara kutaalee biyyattii adda addaatti geessuun bakkeewwan haaraa adda addaa barsiisuunii fi beeksisuun gumaacha taasisaa akka jirus dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015