Godinichatti fayyadamummaa Misoomashayii guddisuuf xiyyeeffannoon kennameera - ENA Afaan Oromoo
Godinichatti fayyadamummaa Misoomashayii guddisuuf xiyyeeffannoon kennameera
Mudde26/2018(ENA)– Godina Iluu Abbaa Booritti shayii Kilaastaraan misoomsuun fayyadamummaa Diinagdee guddisuuf hojiiwwan hojjetamaa jiran cimanii itti fufuunsaanii hubatameera.
Mootummaa Naannoo Oromiyaan Innisheetifiin bocameefii gosota Qonnaa bifa haaraan misoomaa jiran keessaa Muuzii, Avokaadoo, Ruuzii fi Shayiin kan eeramanidha.
Innisheetifiin misooma Shayii Godina Iluu Abbaa Booritti Aanaawwan hedduutti hojiirra oolaa kan jiru yoo ta’u , Waggoottan Sadan darban keessumaa mattuutti, Aanaawwan Alleena Haluutti kilaasteraan bal’inaan misoomaa jira.
Waktii bonaa qabametti yeroo gannaa kan dhaabamanii fi buufata biqiltuu kan jiran hojin kunuunsaa Biqiltuu bal’inaan hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godina Iluu Abbaaboor Beeksiseera.
Kana cinaattis biqiiltuuwwan bara 2018/2019 dhaabbatan qophessuun xiyyeeffannoon kennamuu Itti Aanaan Waajjirichaa Obbo Awwal Mahaammad ENA’f ibsaniiru.
Kanaanis humna misoomaa hirmaachisuun biqiltuuwwan baala shayii miiliyoona 250 qopheessuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Hojiin qophii biqiltuu humna namaa bal’aa kan barbaadu waan ta’eef Aanaawwanitti hirmaannaa hawaasaan deeggaramee kan hojjetamu ta’uun ibsameera.
Aanaa mattuutti qonnaan bultoota misooma shayiirratti gurmaa’an bobba’an, yeroo ammaa Biqiltuuwwan shayii dhaabbatan kunuunsaa jiraachuusaanii dubbataniiru.
Hojiin Misooma shayii babal’isuuf karoora qabaachuu hordofee hojii qophii biqiltuurratti hirmaachaa jiraachuu ibsaniiru.
Misooni shayii galtee Industiriitiif kan ooluu fi qophii biqiltuurraa eegalee humna namaa bay’ee kan barbaadfu ta’uu waan ta’eef godinichatti carraa hojii bal’aa uumaa jedhamee kan abdatamu ta’uu ibsaniiru.