Tamsaasa Kallatti:

Taphni Manchister Siitii fi Cheelsii har'a taphatan ni eegama.

Mudde 26/2018(ENA): Piriimeer Liigii Ingilizii torbee 20 oolmaa guyyaa 2ffaa taphoonni jaha ni taphatamu.

Halkan sa'aatii 2:30tti Manchister Siitiin Cheelsii waliin Istaadiyeemii Itihaaditti taphata.

Manchister Siitiin qabxii 41n sadarkaa 3ffaa yoo qabatu, Cheelsiin immoo qabxii 30n sadarkaa 5ffaa qabateera.

 Kilaboonni lamaan kuni tapha Piriimar Liigiin waliin taphachuun isaanii kuni yeroo 57ffaafi dha. Taphoota kanaan dura taphatan 56n Cheelsiin yeroo 27 yoo injifatu,Manchister Siitiin yeroo 20 mo'atee taphoota 9 immoo qixa bahaniiru.

Taphoota Liigii shan taphataniin Manchistar Siitiin yeroo sadii yoo injifatu taphoota lama immoo qabxii qooddataniiru.

Leenjisaa Inzoo Maareeskaa irraa kan gargar bahe Cheelsiin taphoota Liigichaa sadii injifachuu hin dandeenye.

Manchister Siitiin kan moo'atu yoo ta'e,dursaa Liigichaa Arsenaal waliin garagarummaa qabxii qabu gara afuriitti gadi kan buufatu ta'a. Cheelsiin kan injifatu yoo ta'e immoo gara daandii injifannootti deebi'a.


 

Taphicha gaheessi umurii 40 Maaykil Olivar abbaa murtii olaanaa ta'uun gaggeessu.

Taphoota birootiin ammoo Liidsi Yunaayitid guyyaa sa'aatii 9:30tti Maanchistar Yunaayitid waliin yoo taphatu, Fuulhaam ammoo galgala sa'aatii 12tti Liivarpuul waliin ni taphata. Totenihaam Hotisparsi Sanderland waliin, Everton Birentifordi waliin, Niwuukaastil United ammoo Kiristaal Paalaas waliin galgala sa'aatii 12tti taphatu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015