Tamsaasa Kallatti:

Dursaan liigichaa Bunni sidaamaa Hadiyyaa Hosaa’inaa waliin taphata

Mudde26/2018(ENA)–pirimar liigii Itiyoophiyaatti  torban 13ffa oolmaasaa guyyaa 2ffaan  taphoonni 4 gaggeeffamu .

Galgala sa’atii 12:00 Hosaa’inaan Buna Sidaamaa waliin Istaadiyeemii Saayinsii fi Teekinooloojii Yuunvarsiitii Adaamaatti taphasaanii gaggeessu.

 Hadiyyaa Hosaa’inaa liigichatti taphoota 12 gaggeessee yeroo 4 yoo injifatu  haaluma walfakkaatuun yeroo  4 mo’ameera.

Taphoota hafan 4n  qixaan adda baheera.

  Garichi qabxii 16n sadarkaa 9ffaa qabateera.

Morkataansaa Bunni Sidaamaa gamasaan  bara dorgomichaatti  taphoota 12 gaggeesse keessaa  7 yoo injifatu ,yeroo tokko qofaa mo’ame .

 Yeroo 4 qabxii qooddateera.

Bunni Sidaamaa  qabxii 25n  liigicha dursaa jira.

Sidaamaan yoo injifate  dursummaasaa ni cimsata.

Hadiyyaa Hosaa’inaa  yoo injifate  yeroo 4ffaa injifannoo liigichaa galmeessa.

Nagellee Arsii Machaal waliin  guyyaa sa’aatii 7:00 Istaadiyeemii Finfinneetti  taphatu.

Guddaattuu haaraan Nagellee Arsiin Bara dorgomichaatti taphoota 12 gaggeessee 5n yoo injifatu 3n mo’ameera. 

Taphoota 4n qixa adda baheera.  

Taphichan qabxii 12 galmeessuun sadarkaa  7ffaa qabateera.

Morkataansaa Machaal liigichatti taphoota 12 gaggeesse keessaa 4n yoo injifatu  yeroo 2 mo’amera.

Taphoota 6 hafaniin   qabxii dhabeera.

  Garichi qabxii 20n sadarakaa 6ffaa  qabateera.

Nagellee Arsiin injifannoon itti fufuuf, Machaal gara Injifannootti deebi’uuf  kan taassisanidha.

Magaalaan shaggar Baankii daldala Itiyoophiyaa waliin guyyaa sa’aatii 9:00 Istaadiyeemii  Saayinsii Fi Teekinooloojii  Yuunvarsiitii Adaamaatti taphatu.

Guddattuu Haaraan Magaalaan Shaggar   qabxii 12n sadarkaa 17ffaa qabatee  sadarkaa  gad bu’aa keessatti argama.

Baankin daldala Itiyoophiyaa qabxii 15n sadarkaa 11ffaa qabateera.

 Magaalaan Shaggar  taphoota sadiin booda  gara injifannootti deebi’uuf  Baankii Daldala Itiyoophiyaa waliin   injifannoo itti fufaa galmeessuuf  taphata.

Sagantaa biroon  Bunni Itiyoophiyaa  Midiregannat Shire waliin  guyyaa sa’aatii 10:00 irratti taphatu.

Bunni Itiyoophiyaa  qabxii 15n sadarkaa 13faa qabateera. 

Midiregannet Shireen  qabxii  14n sadarkaa 14 qabateera.

Taphichaan Bunni Itiyoophiyaa  inifannoo ittifufaa galmeessuuf , Midiregannat Shireen  taphoota ittifufaa 4n booda gara injifannootti deebi’uuf  kan taphatanida.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015