Wiirtuuwwan gabaa magaalaa Finfinnee oomishaalee barbaadaman gatii madaalawaan dhiheessaa jiru - ENA Afaan Oromoo
Wiirtuuwwan gabaa magaalaa Finfinnee oomishaalee barbaadaman gatii madaalawaan dhiheessaa jiru
Mudde 25/2018(ENA)- Wiirtuuwwan gabaa magaalaa Finfinnee oomishaalee qonnaa fi industirii barbaadaman gatii madaalawaan dhiheessaa jiraachuu ministirri daldalaa fi walitti hidhamiinsa riijinii Kaasahun Goofee ibsan.
Gareen jilaa ministirichaan durfamu sochii gabaa magaalaa Finfinnee irra deemuun ilaaaleera.
Ministirri daldalaa fi walitti hidhamiinsa riijinii doktar Kaasahun Goofee wayita kana akka jedhanitti, yeroo ayyaanaa hanqinni shaqaxoonta bu’uraa akka hin uumamne qophiin taasifamaa tureera.
Sadarkaa biyyaalessaatti wiirtuuwwan gabaa Sanbataa fi Dilbataa kuma 1 fi 600 caalan ayyaana qilleef oomisha dhiheessaa jiru jedhaniiru.
Wiirtuuwwan gabaa Finfinneetti argamanis oomishaalee barbaadaman ga’aa fi gatii madaalawaan shamattootaaf dhiheessaa akka jiran irra deemnee mirkaneessineerra jedhaniiru.
Oomishaaleen Industirii ayyaana qilleef dhihaachuus ibsaniiru.
Shukkaaraa fi Zayita nyaataarratti deeggarsi taasifamuun gabaan tasgabbaa’aa jiraachuu akka akkeenyaatti kaasaniiru.