Faayidaa biyyaalessaa fi fedhii Itiyoophiyaa eegsisuuf tattaaffii taasifamu keessatti dammaqinaan ni hirmaanna-dargaggoota - ENA Afaan Oromoo
Faayidaa biyyaalessaa fi fedhii Itiyoophiyaa eegsisuuf tattaaffii taasifamu keessatti dammaqinaan ni hirmaanna-dargaggoota
Mudde 25/2018(ENA)- Faayidaa biyyaalessaa fi fedhii Itiyoophiyaa eegsisuuf tattaaffii taasifamu keessatti dammaqinaan akka hirmaatan dargaggoonni ENA’f yaada kennan ibsan.
Ministirri dhimma alaa doktar Geediyoon Ximootiwoos mana maree bakka bu’oota 6ffaa bara hojii 5ffaa walgahii idilee 6ffaarratti raawwii dippilomaasii ilaalchisuun ibsa kennuunsaanii ni beekama.
Ibsa kennaniin, karoora tarsiimawaa waggoota dheeraa gaaffii ulaa galaanaa Itiyoophiyaa, karaa faayidaa biyyaalessaa biyyaa fi dhalootaa hubannaa keessa galcheen deebii akka argatu hojiin dippilomaasii hojjetamaa jira.
Haala Kanaan hojiileen dippilomaasii milkaa’oon ajandaa Itiyoophiyaan ulaa galaanaa itti argattu hawaasa idil addunyaaf hubachiisuu danda’an hojjetamuu ibsaniiru.
Gaaffiin kun gara boqonnaa fudhatama idil addunyaa qabu attamiin haa raawwatamu jedhutti cehuusaa himaniiru.
Dargaggoonni ENA’f yaada kennan akka ibsanitti, abbummaa ulaa galaanaa dabalatee tattaaffii faayidaa biyyaalessaa fi fedhii Itiyoophiyaa eegsisuuf taasifamu keessatti dammaqinaan ni hirmaatu.
Kanneen keessaa dargaggoo Nugusee Warquu kka dubbatetti, dhimmi abbummaa galaanaa itiyoophiyaan ittii jirtu dhimma jiraachuu fi bu’ura abdii ifaa egereeti.
Itiyoophiyaan seenaa guddaa fi uummata baay’ee qabaattulle, ulaa galaanaa dhabuunshee dinagdee fi birmadummaasheerratti gufuu uumuusaa dubbateera.
Gaaffii seena qabeessaa fi dinagdee kana deebisuuf dargaggoonni adda durummaan hirmaachuun irraa eegama jedheera.
Gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaan itti jirtu lafumaa ka’anii hawwuu yookaan qananii osoo hin taane, jireenyi biyyaalessaa biyyattii kan itti murtaa’u dhimma bu’uraati kan jedhe ammo dargaggoo Abduu Dinquudha.
Kanaaf waltajjiiwwan idil addunyaa fi karaa marsariitii haqa qabeessummaa gaaffii ulaa galaanaa addunyaaf beeksisuuf akka hojjetu ibseera.
Gaaffiin haqa qabeessi kun faayidaa biyyoota olla karaa hin miineen karaa misooma waloo fi dippilomaasiitiin nagaadhaan milkaa’uu akka qabu kaaseera.
Dargaggoo Yooseef Abarraa abbummaan ulaa galaanaa Itiyoophiyaan gaafattu carraa keenya egeree kan murteessu boqonnaa guddaa ta’uusaa dubbateera.
Gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaan itti jirtu karaa nagaa, marii fi qajeelfama fayyadama walootiin galmaan ga’uuf qoodasaa akka bahu ibseera.