Pirojektiiwwan teeknooloojii gurguddoon sadii mana kitaabaa Abrihoot boqonnaa dijitaalaa olaanaatti ceesisan ifooman - ENA Afaan Oromoo
Pirojektiiwwan teeknooloojii gurguddoon sadii mana kitaabaa Abrihoot boqonnaa dijitaalaa olaanaatti ceesisan ifooman
Mudde 25/2018(ENA)- Pirojektiiwwan teeknooloojii gurguddoon sadii mana kitaabaa Abrihoot boqonnaa dijitaalaa olaanaatti ceesisan har’a ifatti eegalchiifamaniiru.
Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee mana kitaabaa Abrihootitti argamanii pirojektiiwwan teeknooloojii har’a ifatti eegalchiisaniiru.
Manni kitaanaa Abrihoot wiirtuu aadaa dubbisaa fi qorannaa ta’uun Finfinneetti hojii erga eegalee waggaa afur akka guute Kantiibaa Adaanech Abeebee ibsaniiru.
Guyyaa har’aa mana kitaabaa kanatti argamuun pirojektiiwwan teeknooloojii sadii dhaabbaticha gara boqonnaa dijitaalaa olaanaatti ceesisan ifatti eegalchiisuusaanii eeraniiru.
Jiddu galeessaan waggaatti namoota miiliyoona 1 tuqaa 8’f tajaajila dubbisaa kennaa kan jiru dhaabbata kana caalaatti amayyeessuuf sirni bulchiinsa mana kitaabaa qindaa’aan, manni kitaabaa dijitaalaa ammayyaa’aa fi waltajjiin qorannoo idil addunyaa (Research Portal) ifatti hojii akka eegalan taasifamuu dubbataniiru.
Tajaajilli kun Finfinnee qofatti akka hin daangofne haala mijataa akka uuman kan dubbatan kantiibaa Adaanech barataa fi qorataan kamiyyuu Itiyoophiyaa keessa bakka kamiyyuu taa’ee maaddii beekumsaa Abrihoot akka qooddatu ni taasisu jedhaniiru.
Dabalataanis sanadoota seenaa karaa dijitaalaa eegamanii dhaloota dhufuuf akka darban deeggarsa guddaa akka qaban dabalanii ibsaniiru.
Qooda fudhattoota teeknooloojiiwwan kana hojjechuun gumaacha taasisan galateeffataniiru kantiibaa Adaanech.