Tamsaasa Kallatti:

Godina Iluu Abbaa Booritti sululoota 257 irratti eegumsi biyyoo fi bishaanii niraawwatamu

Mudde 25/2018 (ENA)- Godina Iluu Abbaa Booritti misooma sululaa bonaatiin sululoota 257 irratti eegumsi biyyoo fi bishaanii akka raawwatamu waajjirri qonnaa godinichaa beeksise.

Itti aanaa hogganaan waajjira qonnaa godina Iluu Abbaa Boor obbo Awwal Mahaammad ENA’f akka ibsanitti, hojiilee eegumsa biyyoo fi bishaanii waggoottan darban hojjetamaniin bakkeewwan miidhaman akka bayyanatan, bishaan lafa keessaa fi lafarraa akka gabbatu gochuusaaniitiin oomishtummaan akka dabalu godheera.

Hojii misoomaa hojjetameen bosonnillee dabaluusaa dabalanii ibsaniiru.

Baranas misoomni sululaa qindaa’aan sululoota 257 irratti ni gaggeeffama jedhaniiru.

Kutaalee hawaasaa kuma 300 caalan misooma kanarratto hirmaachisuun lafa hektaara kuma 131 misoomsuuf qophiin xumuramuu eeraniiru.

Qonnaan bultoonni godinichaa muuxannoowwan waggoottan darban itti fufsiisuun baranas cimanii hirmaachuuf qophaa’uusaanii dubbataniiru.

Isaan keessaa jiraataan aanaa Bachoo ganda Bakkojjii qonnaan bulaan Abduu Suphaa, hojiileen eegumsa biyyoo fi bishaanii waggoottan darban hojjetamaniin laftisaanii Kanaan dura lolaadhaan dhiqamaa ture deebi’ee waan bayyanateef oomishnisaanii guddachuusaa kaasaniiru.

Kana malees madden gogan deebi’anii waan bayyanataniif bona jallisiidhaan misoomsuun oomishnisaanii guddisuuf akka isaan gargaare dubbataniiru.

Faayidaa eegumsa biyyoo fi bishaanii qindaa’aa qabatamaan waan arganiif hojii misoomaa barana raawwatamu irratti dammaqinaan akka hirmaatan dabalanii dubbataniiru.

Jiraataa aanichaa kan ta’an obbo Taarikuu Ayyalaa eegumsa biyyoo fi bishaanii Kanaan dura hojjetamaniin naannawisaanii deebi’ee waan lalisee fi filmaanni bishaanii waan babal’ateef oomishnisaanii dabaluusaa dubbataniiru.

Misoomni Sululaa iddoowwan miidhaman deebi’anii akka bayyanatan waan godheef hawaasa dadammaqsuun hojii kanarratti bal’inaan hirmaachisuuf akka hojjetan dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015