Tamsaasa Kallatti:

Liigucha dursaa kan jiru Arsanaal Bornimaawuz waliin nitaphata

Mudde 25/2018 (ENA)-Sagantaan piriimar Liigii Ingiliiz torban 20ffaan har’a eegala.

Guyyaa har’aa taphoonni afur ni gaggeeffamu.

 

Bornimaawuz Arsanaal waliin galgala sa’aatii 2 fi 30tti Istaadiyeemii Vayitaalitiitti nitaphatu.

Bornimaawuz qabxii 23’n sadarkaa 15ffaa qabateera. Arsanaal qabxii 45niin Liigicha dursaa jira.

Har’a dirreesaarratti kan taphatu Bornimaawuz taphoota liigichaa 10 darban taphateen tokkollee hin mo’anne. Morkataansaa Arsanaal taphoota liigichaa afur darban mo’ateera.

Arsanaal yoo mo’ate garaagarummaa qabxii sadarkaa lammaffaarra kan jiru Manchastar siitii waliin qabu toorbatti guddifata.

Sagantaalee birootiin sadarkaa sadaffaarra kan Astonviilaan Notiingihaam foresti waliin ni taphata.

Biraayitan Barnileeyi akkasumas Wolvis Westihaam Yunaayitid waliin yeroo wal fakkaataatti galgala sa’aatii 12tti ni taphatu.

#Ena Afaan Oromoo#ENA#TOI

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015