Hararitti Ayyaana Qillee dhufuuf horii Ganfaa fi omishni biroon haala ga’aa ta’een dhihaateera - ENA Afaan Oromoo
Hararitti Ayyaana Qillee dhufuuf horii Ganfaa fi omishni biroon haala ga’aa ta’een dhihaateera
Mudde 24/2018(ENA)– Hararitti Ayyaana Qillee dhufuuf horii Ganfaa fi omishni biroon haala ga’aa ta’een dhihaachuu gurguraa fi shamataan ibsan.
Magaalichatti bakka gurgurtaa gabaa horii gaanfaa fi kuduraawwaniitti namoonni Yaadasaanii ENA’f kennan akka ibsanitti, omishawwan Qonnaa fi industirii Ayyaanichaaf barbaachisan haala ga’aa ta’een dhihaateera.
Kanneen Ayyaanaaf dhihaatan keessaa Sangaa qalmaa, Re’ee, Qullubbii fi timaatimii, midhaan, daakuu fi kanneen biroon dhiheessii fooyya’aan jiraachuu beeksisaniiru.
Magaalichatti bakka gabaa horii gaanfaa jalabaa jedhamutti namoota Qotiyyoo bitatan keessaa obbo Asnaaqee Waldee akka jedhanitti, ayyaanichaaf horiin gaanfaa bakkeewwan adda addaarraa dhihaateera haalli gatiisaaniis gaariidha jedhaniiru.
Dhiheessiin gabaa kuduraas fooya’aa ta’uu daldaltoota bakka gabaa kadir jedhamutti yaada kennan keessaa Saartuu Guutamaa ibsaniiru.
Gatiis kuduraalee hir’ifama agarsiiseera shammataan gammadee bitachaa jira jedhaniiru.
Dabalataanis, Kuduraawwan bakeewwan adda addarraa galchuun dhiheessii gahaa ayyaanichaaf dhiheessuu fi gatii madaalawaan gurguraa jiraachuu daldalaa kadir Alii ibsaniiru.
Naannoo Harariiitti Daarektarri Ejensiin gurma’insa hojii Daldala , babal’inaa fi gurgurtaa Obbo Mahaammad Yusuuf akka jedhanitti, ayyaana Qilleef dhihessiin kuduraalee, horii gaanfaa, lukkuu, killee fi omishoonni biroon haala ga’aa ta’een dhihaateera.
Dhiheessii fi gatiin kan bara darbee fi ayyaanaota darbanirraa kan fooya’e ta’uu kan eeran obbo Mahaammad, keessumaa ayyaanicha sababeeffachuun omisha kan dhoksanii fi daballii gatii kan taasisan irratti hojin hordoffii fi to’annoo hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.