Guyyoota kurnan itti aananitti haalli qilleensaa Gogaa, Aduu qabu kutaa biyyattii hedduutti itti ni fufa - ENA Afaan Oromoo
Guyyoota kurnan itti aananitti haalli qilleensaa Gogaa, Aduu qabu kutaa biyyattii hedduutti itti ni fufa
Mudde 24/2018(ENA)– Guyyoota kurnan itti Aananitti haalli qilleensa Bonaa gogaa, Aduu fi qilleensa qabu kutaa biyyattii heduutti itti fufinsa akka qabaatu Inistitiyuutiin Meetiriyooloojii Itiyoophiyaa beeksise.
Inistitiyuutichi ibsa ENA’f ergeen akka beeksisetti Kaabaa bahaa, Baha, gidduugaleessaa fi kutaa biyyattii kibbaatti qorri galgalaa fi ganamaa digirii seeliishiyeesii shanii gadi akka ta’u odeeffannoon raaga haala qilleensaa mul’isa.
Dhiibbaa qilleensaa saayibeeriyaarraa ka’uun qilleensi gogaa fi qorraan gara biyya keenyaatti qilleensa’u akka ittifufu raagni haala qilleensaa ni mul’isa jedheera.
Bakka tokko tokkootti qorri ganamaa fi galgalaa cimee akka ittifufu ibseera.
Gama biroon taateewwan meetiriyoloojii rooba kennan irraa ka’uun kibba lixaa, lixa, Kaaba bahaa, fi kutaa biyyaattii gidduu galeessaatti darbee darbee bakka xiqqaatti roobni xiqqaan akka jiraatu beeksiseera.
Mudannoowwan haala qilleensaa roobaa kutaa biyyattii kibbaa fi kibba bahaa bonni yeroo roobaa 2ffaa argatan haala foyya’aa akka qaban ibsameera.
Naannoowwan rooba gannaan misooman haala qilleensaa gogaan kan eegamu yoo ta’u, bakkeewwan murtaa’etti roobni xiqqaan yeroo malee roobuu akka danda’u odeeffannon raaga haala qilleensaa akka mul’isu beeksiseera.
Haalli qilleensaa goginsaa kun omishawwan gannaa omishamanii walitti qabamaniif haala mijataa akka uumu ni eegama.
Sululawwan kibbaa fi kibba bahaatti argaman guyyoota kurnan itti aananitti bishaan lafarraa akka argatan ni abdatama.
Bakkeewwan biroon haala qilleensaa gogaa bonaa keessa akka turan ni eeggama jechuun inistitiyuutichi beeksiseera,.