Tamsaasa Kallatti:

Dhimmi gaaffii ulaa galaanaa Itiyoophiyaa dhimma tarsiimoo nageenya riijinii fi misooma waloo mirkaneessuuti

Mudde 24/2018 (ENA): Dhimmi gaaffii ulaa galaanaa Itiyoophiyaa dhimma tarsiimoo nageenya riijinii fi misooma waloo mirkaneessu ta’uu qorattoonni seenaa fi ambaassaaddaroonni ibsan.

Riijinii Baha Afrikaa, kan humnoonni addunyaa dantaa biyyoolessaa isaanii eegsisuuf wal dorgomaa jiran keessatti, Itiyoophiyaan naannoo Galaana Diimaatti dhiyoo argamtu, ulaa galaanaashee dhabde deeffachuuf qabsoo dippiloomaasii murteessaa geggeessaa jirti.

Gaaffiin ulaa galaanaa kun karoora tarsiimoo yeroo dheeraa, dantaa biyyoolessaa sabaa fi biyyattii eeguuf kan kaayyeffate yoo ta’u, dhimmicha irratti hubannoo hawaasa idil addunyaaf uumuuf hojiin dippilomaasii gaggeeffamaa jirus bu’aa argamsiisaa jira.

Seenaa fi ulfinni Itiyoophiyaa Galaana Diimaa fi laga Abbayyaa waliin walitti hidhata guddaa qaba jedhan qorataan seenaa fi aadaa Piroofeesar Ahimad Zakkaariyaa ENA waliin turtii taasisaniin.


 

Qaamoleen bishaanii lamaanuu guddinaa fi qaroomina Itiyoophiyaaf filannoo osoo hin taane, dhimma lubbuun jiraachuu fi dantaa biyyaalessaa kabachiisuu ta’uu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan waggoota kurnan sadii dura biyya buufata galaanaa seena qabeessaa fi uumamaa qabdu ta’uu kan yaadatan piroofeesarichi, dogoggora seenaa sirreessuu fi qabeenya uumamaa ofii deebifachuuf carraaqqiin amma taasifamaa jiru sirrii ta’uu ibsaniiru.

Abbummaa buufata galaanaa mirkaneessuun guddina waloo fi tasgabbii naannoo Baha Afrikaatiif faayidaa olaanaa akka qabus eeraniiru.

Yamanitti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa duraanii fi Miseensi Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa doktar Toofiik Abdullaahii gama isaaniitiin Itiyoophiyaa buufata galaanaa mataashee irraa fageessuuf shirri xaxame taatee hedduu nama gaabbisiisudha jedhan.


 

Gaaffii kanaaf deebii argachuuf hojiin dippilomaasii yeroo ammaa hojjetamaa jiru sadarkaa murteessaa irra akka gahe ibsaniiru.

Daldala idil-addunyaatiif barbaachisummaa guddaa qarqara galaanaa Baha Afrikaa fi Galaana Diimaa kan ibsan Ambaasaaddarichi, Itiyoophiyaan buufata galaanaa kanarratti abbummaa akka qabdu mirkaneessuun nagaa fi tasgabbii naannichaaf gumaacha olaanaa qaba jedhan.

Asaab buufata galaanaa seera qabeessa, seenaa fi uumama isaan kan Itiyoophiyaa ta’uu ibsuun, tattaaffiin jalqabame itti fufuu qaba jedhan Piroofeesar Ahimad Zakkaariyaan.

Ambaasaaddar doktar Toofik Abdullaahii gama isaaniitiin, gaaffii dhalootaa fi dhimma dantaa biyyoolessaa ijoo kana galmaan ga’uuf lammiileen hundi waliin dhaabbachuu akka qaban cimsanii dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015