Tamsaasa Kallatti:

Milkaa’ina Tarsiimoo Dijiitaala Itiyoophiyaa 2030’f Sagantaawwan leenjii yeroon gaafatu banamaa jiru

Mudde 24/2018(ENA)–Milkaa’ina Tarsiimoo Dijiitaala Itiyoophiyaa 2030’f Sagantaawwan leenjii yeroon gaafatu banamaa jiraachuun ibsame.

Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad yeroo dijiitaala Itiyoophiyaa 2030 eegalchiisan, tarsiimichi dhaqqabamaa, haqa qabeessaa fi dirree dijiitaalaa Amansiisaa uumuurratti xiyyeeffachuu ibsaniiru.


 

Daarektarri Olaanaan Inistitiyuutii Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa Doktar Buruk Kadir ENA’f akka ibsanitti, tarsiimoon Dijiitaala Itiyoophiyaa 2025 damee teeknikaa fi ogummaan jijiiramni abdachiisoon akka galmaa’an dandeessiseera.

Fakkeenyaaf, Tarsiimichi Inistitiyuutichi Adeemsa leenjiisaa ammayyeessuun hubannoo namoonni Dijitaalayizeeshiniirratti qaban akka guddatu taasisaa jiraachuu ibsaniiru.

Inistitiyuutichi kaayyoowwan tarsiimoon Dijiitaala Itiyoophiyaa 2030 milkeessuuf qabate waliin wal simsiisuun hojiirra oolchuuf sanada qopheessaa jiraachuu eeraniiru.

Galmoota Tarsiimawaa Dijiitaalli Itiyoophiyaa 2030 milkeessuuf leenjifamtoota dandeettii dijiitaalaa fooya’aa qaban horachuun dhimma xiyyeeffannoon hojjetamu ta’uu hubachiisaniiru.

Akaakuuwwan leenjii hubannoo namtolchee, nageenya saayibarii fi leenjiiwwan biroo milkaa’ina tarsiimichaaf qooda olaanaa akka qaban akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

Dabalataanis ogeessa dandeettii dijiitaalaan gahoome horachuu fi teekinooloojiiwwan Dijiitaalaa haala fooya’een hojjechuuf dhaabbatichi galtee fi gurmaa’insaan of cimsaa jiraachuu beeksisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015