Misooma kuduraa fi muduraa godinichatti babal’isuudhaan fayyadamummaa qonnaan bulaa guddisuuf xiyyeeffannoon taasifameera - ENA Afaan Oromoo
Misooma kuduraa fi muduraa godinichatti babal’isuudhaan fayyadamummaa qonnaan bulaa guddisuuf xiyyeeffannoon taasifameera
Mudde 24/2018 (ENA)- Misooma kuduraa fi muduraa godina Shawaa Lixaatti babal’isuudhaan fayyadamummaa qonnaan bulaa guddisuuf xiyyeeffannoon taasifamuusaa waajjirri qonnaa godinichaa beeksise.
Oomisha midhaaniin cinaatti misooma kuduraa fi muduraa babal’isuun fayyadamummaa qonaan bulaa guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru waajjirichatti ogeessi misooma kuduraa fi muduraa obbo Mangaduu Gurmuu ENA’f beeksisaniiru.
Haala Kanaan baatiiwwan bonaa lafa heektaara kuma sadii fi 120 qullubbii adii, Dinnicha, Muuzii fi Timaatima misoomsuun oomisha kuntaalaa kuma 646 fi 553 walitti qabuuf karoorfamuu dubbataniiru.
Amma ammaatti lafa kuduraa fi muduraan misoomerraa oomishni kuntaala kuma 180 walitti qabamuusaa eeraniiru.
Qonnaan bulaan misooma kuduraa fi muduraan bu’a qabeesa akka ta’u qophii oyiruurraa eegalee amma walitti qabaatti ogeeyyonni deeggarsa gochaa akka jiran eeraniiru.
Kuduraa fi muduraan aanaalee Baakkoo, Daannoo, Noonnoo, Tokkee Kuttaayee, Midaa Qanyi, Gindabarat, Liiban Jaawwii fi Jibaatitti baay’inaam misoomaa jiraachuu ibsaniiru.
Misooma midhaanii cinaatti misooma kuduraa jallisii bonaa hojjechuun nyaata madaalawaa fi galii dabalataa argachuusaanii dubbataniiru.