Tamsaasa Kallatti:

Karoorri sagantaa kompaaktiin uwwisa humna ibsaa dhibbeentaa 75 galmaan ga’uuf qabame, Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030f haala mijataa uuma.

Mudde 24/2018(ENA)- Karoorri sagantaa kompaaktiin uwwisa humna ibsaa dhibbeentaa 75 galmaan ga’uuf qabame, Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030f haala mijataa kan uumu ta’uu Tajaajilli Humna Ibsaa Itiyoophiyaa beeksise.

Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 Mudde 11/2018 Giddugala konveenshinii Idil-addunyaa Addis keessatti ifa gochuun isaanii ni yaadatama.

Wayita sana ergaa keessatti Dijitaalli Itiyoophiyaa 2030 kaayyoowwan ijoo dhaqqabamummaa babal’isuu, carraa walqixxummaa lammiilee uumuu, amantaa lammiilee fi dhaabbilee guddisuu akka qabu cimsanii dubbataniiru.

Bu’uuraalee dijitaalaa tajaajila mootummaa babal’isuun sirna dijitaalaa nama giddu galeessa godhateen jireenya guyyaa guyyaa lammiilee fooyyessuu akka barbaachisus cimsanii dubbataniiru.

Hojii gaggeessaan olaanaa Tajaajila Elektirikaa Itiyoophiyaa Injiinaar Geetuu Garramaa ENA waliin turtii taasisaniin guddinaa fi badhaadhina biyyi tokko barbaaddu mirkaneessuuf bu’uura ta’uu ibsaniiru.

Tokkoon tokkoo tajaajilli dijitaalaa Telekoomunikeeshiniin, interneetiin, tajaajilli dijitaalaa mootummaa, baankiinii fi dameewwan kalaqaa dabalatee tajaajilli dijitaalaa hundi dhiyeessii humnaa ibsaa irratti akka hundaa’u himaniiru.


 

Yeroo ammaa kanatti lammiileen Itiyoophiyaa dhibbeentaa 63 magaalota keessatti, dhibbeentaan 45 ammoo baadiyyaatti humna ibsaa kan argatan yoo ta’u, walumaa galatti uwwisni jiru biyyoolessaatti immoo dhibbeentaa 54 qofa ta’uu ibsaniiru.

Waggoota darban keessatti uwwisa anniisaa guddisuuf hojiiwwan adda addaa filmaatawwan mootummaa fi faayinaansii alaatiin hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.

Fedhii anniisaa guddina Itiyoophiyaa madaalu guutuuf hojmaata barameen ala hojjechuun hojmaata bal’isuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Kanaafis sagantaan Kompaaktii jedhamu deeggarsa maallaqaa Baankii Addunyaa fi Baankii Misooma Afrikaatiin qophaa’ee hojiirra oolchuun lammiilee Afrikaa Sahaaraa gadii miiliyoona 300 ta’aniif anniisaa humna ibsaa akka argatan taasisu gara hojiitti galamuu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan sagantaa kanaan walsimsiisuun bara 2030tti uwwisa anniisaa waliigalaa keessaa dhibbeentaa 75 galmaan ga’uuf ciminaan hojjechaa akka jirtus beeksisaniiru.

Kunis milkaa’ina Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030f haala mijataa kan uumuu fi dhaqqabamummaa anniisaa babal’isuuf kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru.


 

Tajaajilli Humna Ibsaa Itiyoophiyaa Dijitaalaa Itiyoophiyaa keessatti diinagdee dijitaalaa hirmaannaa lammiilee hunda mirkaneessuuf amanamummaa dhiyeessii humna ibsaa guddisuuf ciminaan kan hojjetu ta’uu mirkaneessaniiru.

Itiyoophiyaatti dhiyeessii humna ibsaa itti fufiinsa qabuu fi amanamaa ta’e uumuuf qorannoon maastar pilaanii waggaa 25 xumuramaa jiraachuus hubachiisaniiru.

Kunis fedhii dinagdee biyyattii gara fuula duraa guutuuf humna amanamaa ta’e dhiyeessuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015