Itiyoophiyaan Rakkoolee Barootaaf turan bu’urarraa furuun Mootummaa cimaa ijaaruuf mariin biyyoolessaa carraa seenaa qabeessadha - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan Rakkoolee Barootaaf turan bu’urarraa furuun Mootummaa cimaa ijaaruuf mariin biyyoolessaa carraa seenaa qabeessadha
Mudde 24/2018(ENA)–Itiyoophiyaatti rakkoolee baroota dheeraaf turan bu’urarraa furuun mootummaa cimaa ijaaruuf mariin biyyoolessaa carraa seenaa qabeessa ta’uu paartiin morkataa sosochii dimokiraatawaa Uummata Gumuz ibse.
Mariin biyyoolessa Itiyoophiyaa erga labsiin hundaa’ee hojii eegalee asitti boqonnaa qophiitii hanga mariitti hanga ammaatti hojiiwwan hedduu hojjeteera.
Dhimma kanarratti itti gaafatamaan sabquunnamtii fi miseensi gidduugalaa paartiin Sosochii Dimokiraatawaa Ummata Gumuz Lammeessaa Neenoo ENA’f yaada kennaniin akka ibsanitti, Mariin biyyoolessaa carraa rakkoolee furu qabatee kan dhufe ta’uu himaniiru.
Mariin biyyoolessaa rakkoolee yeroo dheeraaf turan bu’uurarraa furuuf mootummaa cimaa hundeessuuf carraa seenaa qabessadha jedhaniiru.
Haata’u malee carraa seenaa qabeessa kana milkaa’inaan goolabuuf hundi keenya rakkoolee mariin furuuf kutannoo qabaachuu qabna jedhaniiru.
Lammiileen biyya keessaa fi biyya alaa jiraatan dhimma biyyasaaniirratti marii’achuun furmaatasaaf hojjechuun rakkoowwan bu’uurarraa furuuf abbaa ta’uu qabu jedhaniiru.
Adeemsa kana keessatti paartiinsaanii hirmaannaa ho’aa taasisuusaa ibsaniiru.
Gara fuulduraattis marichi hanga milkaa’inaan xumuramutti gaheesaanii bahuuf qophii ta’uusaanii mirkaneessaniiru.
Paartiin sosochi idimokiraatawaa Ummata Gumuz komishinii Marii Biyyoolessaaf ajandaawwan adda addaa kennuusaa yaadachuun dhimmoota kanarratti marii’achuun qaama furmaataa ta’uuf qophaa’uusaa ibsaniiru.