Tamsaasa Kallatti:

Hojiiwwan Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad baatiiwwan Sadaasaa fi Muddee keessa hojjetan

 

Mudde 24/ 2018 (ENA) – Ministirri Muummee FDRI doktar Abiyyi Ahimad baatiiwwan Sadaasaa fi Muddee bara 2018 keessa hojiilee ijoo biyyaalessaa, ardiifi idil-addunyaa hojjetaniiru.

Hojiileen hundi barbaachisummaa fi dhiibbaa uumuu danda’uu Itiyoophiyaa bu’uura cimaarra kan kaa’anidha.

Ministirri Muummee Rippaabiliika Hindi daawwannaaf gara Itiyoophiyaa dhufuu hordofee mariin gamlamee Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad taasisanii fi waliigalteewwan hundagaleessi biyyoottan lameen gidduutti mallattaa’aniif hiikkaa guddaan kennameera.


 

Mariin hoggantoota lameenii irra jireessaan tumsa biyyoonni lameen dameewwan daldalaa fi invastimantiin, dijitaalaayizeeshinii fi tuurizimiin qaban gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf kan kaayyeffatedha.

Dabalataanis biyyoota lameen gidduutti deeggarsa bulchiinsa waloo Gumruukaa, Ministeera Dhimma Alaa FDRItti waliigaltee hundeeffama Giddugala Daataa akkasumas waliigalteen kabachiisa nageenyaa idil-addunyaa keessatti kutannoo qaban mul’isuu fi cimsu mallattaa’eera.

Kana malees Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimadii fi Ministirri Muummee Naareendiraa Moodiin Paarlaamaatti argamuun Ministirri Muummee Hindi Walga’ii waloo Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa fi Federeeshinii irratti haasawaa taasisaniiru.


 

Dhimmoota Ardii ilaalchisee: Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad deeggartoota Afrikaa fi naannawaa waliin mari’ataniiru.

Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Mootummoota Gamtoomaniitti Barreessaa Olaanaa Komishinii Diinagdee Afrikaa Kilaavar Gaateetee waliin Afrikaa haalaan kan bakka bu’u Yaa’ii Jijjiirama Qilleensaa Mootummoota Gamtoomanii COP32 Itiyoophiyaan qopheessitu irratti haala Itiyoophiyaa waliin hojjechuu danda’an irratti mari’ataniiru.

Bifuma walfakkaatuun Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Itiyoophiyaa fi Gamtaan Afrikaa yaa’ii Ardicha bakka bu’u qopheessuuf walitti dhiyeenyaan hojjechuuf haalota dandeessisan uumuuf, Dura Taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa fi garee isaanii waliin mari’ataniiru.


 

Marichaanis koop 32 (COP32) milkeessuuf karaalee walta’iinsa ijoo Itiyoophiyaa fi furmaata Afrikaa cimsuun danda’amu irrattis kaafameera.

Dabalaanis Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad, Pireezidaantiin Rippabiliika Federaalaa Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad fi pireezdaantii Keeniyaa Wiliyaam Ruutoo daawwannaa hojii Itiyoophiyaatti taasisan simatanii mari’ataniiru.


 

Mariin hoggantoota lamaan gidduutti taasifame adda durummaan hariiroo dippiloomaasii cimsuu irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsameera.

Akkasumas dureewwan biyyoota lamaanii haala nageenya waaraa Gaanfa Afrikaatti buusuun danda’amu irratti kan mari’atan yoo ta’u, kunis nageenyaa, tasgabbii fi furmaata Afrikaa Afrikaanotaaf kan jedhu irratti kan xiyyeeffate ture.


 

Dhimmoota biyya keessaan immoo doktar Abiyyi Ahimad Dijitaala Itiyoophiyaa 2025 sadarkaa guutummaan guutuutti jechuun danda’amuun galma qabameefiin goolabamuu eeruun,Dijitaala Iyiyoophiyaa 2030 ifatti eegalchiisaniiru.


 

Sagantaa Tarsiimoo kana dhaqqabamummaa isaa bal’isuuf lammiilef carraa walqixaa uumuu akkasumas lammiilee fi dhaabbilee giduutti wal amantaa guddisuun kaayyoo ijoo ta’ee gara hojiitti galameera.

Dijiitaalaa Itiyoophiyaa 2030n bu’uuraalee dijitaalaa ummataa babal’isuu irratti kan xiyyeeffatamu yoo ta’u, kunis teeknooloojiin dijitaalaa namoota giddu galeessa godhatee jiruu fi jireenya lammiilee fooyyessuuf carraa guddaa kan uumu ta’a.

Yeroo sanatti Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad akka ibsanitti, Dijitaala Itiyoophiyaa 2030tiin galmoonni kaa’aman akka milkaa’an dhimmoonni bu’uuraa lama akka jiran eeraniiru. Tokkoffaan dhaqqabamummaa Humna Ibsaa yoo ta’u, waliin gahinsa humna ibsaa soorata teekinooloojii dijitaala jennee fudhachuu dandeenya jedhaniiru.

Inni lammaffaan immoo walitti hidhaminsa intarnetii dha kan jedhan Ministirri Muummee, magaalonni hedduun fayyadamoo intarneetii ta’uu akka danda’an ibsaniiru.

Haata’u malee waggoottan shaman dhufan kanatti waliin gahinsa kana guutummaan guutuutti naannoolee biroottis babal’achuu akka qabu cimsanii himaniiru.

Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 jalatti lakkoofsi maamiloota moobaayilaa miiliyoona 128 akka gahu, uwwisni neetworkii 5G magaalota 100 akka gahu eegama.

Walumaagalatti hojiin Dijitaalaa Itiyoophiyaa keessatti hojjetamaa jiru kaayyoo mootummaan Ida’amuu tarsiimoolee gurguddoo birookraasii salphaa ta’een dhugoomsuu waliin kan walqabatu ta’uu Ministirri Muummee doktar Abiyyi ibsaniiru.

Gama biraatiin guyyaan ayyaana Saboota, Sablammootaa fi Uummatoota Itiyoophiyaa 20ffaan Naannoo Giddu-galeessa Itiyoophiyaa magaalaa miidhagduu Hosaa’inaa keessatti bakka Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimadii fi qondaaltonni olaanoo mootummaa argamanitti kabajameera.


 

Guyyaan Saboota, Sablamootaa fi Uummatoota Itiyoophiyaa 21ffaan Magaalaa Jimmaatti akka kabajamu ibsameera.

Waliigalaan Ministirri Muummee FDRI doktar Abiyyi Ahimad baatiwwan Sadaasaa fi Muddee keessa biyya keessatti ammayyummaa guddisuu, sadarkaa Ardii fi Idil Addunyaatti ammoo dippiloomaasii tarsiimowaa ta’e caalmaatti cimsuuf kutannoo qaban kan itti mirkaneessaniidha.

Kanaanis hammattummaa Diijitaalaa guddisuu, tumsa naannawaa fi Idil Addunyaa cimsuu fi hojiileen ol ka’iinsa Itiyoophiyaa mirkaneessan hojjetamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015