Tamsaasa Kallatti:

Mariin biyyaalessaa carraa garaagarummaa keenya karaa qaroomee fi nagaan furuuf arganne kan bakka bu’ummaa hin qabnedha-Tajaajila komunikeeshinii mootummaa

Mudde 24/2018(ENA)-Mariin biyyaalessaa hunda hammataan Itiyoophiyaatti eegalame garaagarummaa keenya karaa qaroomee fi nagaan furuuf arganne kan bakka bu’ummaa hin qabnedha jechuun beeksise tajaajilli komunikeeshinii mootummaa.

Mariin mo’annaa waloof, mariin nageenya fulla’aa fi ijaarsa mootummaa cimaaf! Jechuun ibsa baaseen wal dhabdeen bara dheeraa Itiyoophiyaa keessa  jiruu fi ataakaroon akkasumas madda walitti bu’iinsaa kan ture bu’aa aadaa siyaasaa boodatti hafaan nurratti fe’edha jedheera tajaajilichi.

Rakkoo kana maddasaarraa furuu fi dhimmoota buyyaa fi garaagarummaawwanii fi dhaadhessummaa ajandaawwan biyyaalessaarratti mul’atan fageessuuf mariin biyyaalessaa dhimma murteessaadha jedheera.

Ibsi tajaajila komunikeeshinii mootummaa akka armaan gadiitti dhihaateera-

Aadaan nageenyaa akka jiraatuu fi aadaan siyaasaa qaroome ijaaramee Itiyoophiyaanonni rakkoosaanii rakkoosaanii mariidhaan yaadaan qofa furuu qabu amantaa jedhu qaba mootummaan. Hojiirra oolmaa isaaf ammo mootummaan hojjechaa jira.

Mariin biyyaalessaa hunda hammataan Itiyoophiyaatti eegalame garaagarummaa keenya karaa qaroomee fi karaa nagaa furuuf carraa arganne kan bakka bu’ummaa hin qabnedha. Carraan kun qaamlee hundaaf kan baname eenyuuniyyuu kan hin qoonne carraa marii hammataadha. Carraa kanatti fayyadamuuf Hundi keenya qophaa’uu qabna.

Carraan kun aadaa siyaasaa keenya badaa duudhaa obbolummaa qabnu nu jalaa dadhabsiise yaaluun fayyisuurra darbee nageenya waaraa mirkaneessuuf dhimma ijoodha. Carraan kun dhimmoota keenya bu’uraarratti waliigaltee biyyaalessaa uumuuf, sirna demokiraasii gabbachaa deemu ijaaruuf akkasumas wal amantaa jidduu keenyatti uumuun walta’insaa fi tokkummaa ummattootaa mirkaneessuuf shoora bakka hinbu’amne ni qabaata.

Waraannii fi warraaqsi furmaata guutuu akka hin finne seenaa Itiyoophiyaa keessatti qabatamaan kan mirkanaa’edha. Mo’annaa karaa lamaanuu argame kan yeroo fi deebisee haaloo fi jibba kanfidu ta’uunsaa irraa baranneerra.

Itiyoophiyaanonni bara dheeraaf aadaa dinqisiisaa rakkoo fi waldabdee jidduusaanii jiru marii fi marabbaan furuu dandeessisu qabu ture. Garuummoo duudhaan kun sababa aadaa siyaasaa boodatti hafaa gabbachaa dhufeen oolee bulee dimimmisee seenessaan baaqqee addaan qoqqoodu kan ittiin beekamnu ta’uurra gaheera.

Biyyoonni addunyaa hedduun afuura garaagarummaa dhaadhessummaa fi walitti bu’iinsa keessaa bahuuf marii biyyaalessaa akka furmaataatti fayyadamaniiru. Nutis kana gochuuf waanti nu rakkisu akka hin jirre duudhaaleen aadaa keenyaa bakkeewwan garagaraa jiran agarsiiftuudha jedhaniiru.

Kanaaf furmaata fulla’aa fiduuf fedhii siyaasaa haqa qabeessaaf garalaafummaan marii kennanii argachuunii fi furmaata waloof hundi gumaacha taasisuuf ka’uu qaba.

Maraammartoon walitti bu’iinsaa fi waraanaa dabarsine gahuu qaba kan itti jennu ammadha. Walitti bu’iinsaan moataa kan hin qabne maraammartoo badii waan ta’eef marii biyyaalessaa milkaa’aa gochuu, rakkoolee karaa nagaa furuu, olaantummaa seeraa mirkaneessuun biyya Itiyoophiyaanota hundaaf mijattu ijaaruu fi hunda keenya mo’ataa gochuuf nu gargaara.

Kanaaf qaamni hundi marii kanarratti dammaqinaan akka hirmaatu carra Kanaan waamicha dabarsina.

Mariin mo’annaa waloof, mariin nageenya fulla’aa fi ijaarsa mootummaa cimaaf!

Tajaajila komunikeeshinii mootummaa

Mudde bara 24/2018

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015