Tamsaasa Kallatti:

Biqiltuuwwan oomishtummaa Bunaa fooyyessan biqilchuun qonnaan bultoonni akka fayyadaman taasifamaa jira

Mudde 24/2018(ENA)– Biqiltuuwwan omishtummaa bunaa fooyyessan  biqilchuun  qonnaan bultoonni fayydamoo akka ta’an taassifamaa jiraachuu  Waajjirri qonnaa Godina Jimmaa  ibse.

Ministeerri Turiizimii sagantaa “Tuurizimii bunaa” daawwannaa wal baruu fi hubannoo qabsiisuu ogeeyyota miidiyaa gaggeessaa akka jiru ni beekama.

Daawwannaan dirree kun oolmaa guyyaa kaleessaatiin naannawoota buna biqilchan turizimii bunaa dadammaqsuuf kaayyeffate naannoo Oromiyaa godina Jimmaa aanaa Gommaa ganda Bashaashaatti itti fufeera.


 

Itti aanaan itti gaafatamaa waajjira qonnaa godina Jimmaa Abdii Mahaammadnuur, ummanni Jimmaa oomishtummaa bunaa waliin walitti hidhamiinsa hawaasummaa fi dinagdee akka qabu ibsaniiru.

Godinichatti fayyadamummaa qonnaan bulaan oomishtummaa bunaarraa argatu fooyyessuuf hojiileen misooma bunaa bu’a qabeessi cimanii itti fufaniiru jedhaniiru.

Omishtummaa fi qulqullina Buna godinichaa guddisuun sirni funaanuurraa eegalee amma gabaa alaatti dhihaatuutti ofeeggannoon gaggeeffamaa jiraachuu dubbataniiru.


 

Haala Kanaan oomishtummaa bunaa qonnaan bulaa guddisuuf sanyiiwwan bunaa oomishtummaansaa mirkanaa’e qaqqabamaa taasisuun fayyadamoo akka ta’an taasifamaa jira jedhaniiru.

Waajjira qonnaa godinichaatti ogeessa kan ta’an Mahaammadsaffaa Kadir gamasaaniin, oomishtummaa bunaa qonnaan bulaa guddisuun safartuuwwan sadarkaa garagaraatiin gabaa alaa dabalatee kallattiin fayyadamaa akka jiran ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015