Tamsaasa Kallatti:

Buusaa Gonofaa Oromiyaan rakkoo hawaasummaa fi dinagdee ofiin furuuf deeggaraa jira

Mudde 23/2018(ENA)- Buusaa Gonofaa Oromiyaan hawaasa hirmaachisuun rakkoolee hawaasummaa fi dinagdee ofiin furuuf deeggaraa jiraachuu itti aanaan hogganaa Buusaa Gonofaa Oromiyaa obbo Tafarii Bayyanaa ibsa.

Yaa’iin Buusaa Gonofaa bulchiinsa magaalaa Adaamaa har’a gaggeeffameera.

Itti aanaan hogganaa Buusaa Gonofaa Oromiyaa obbo Tafarii Bayyanaa waltajjicharratti akka beeksisanitti, sosochiin sirna wal gargaarsaa naannichaa durii ta’e Buusaan Gonofaa erga eegalamee kaasee keessumaa waggoota afran darban miseensota miiliyoona 28 fi kuma 500 horachuun qabeenya walitti qabuun hojiilee hedduu hojjeteera.

Waggoottan afran darban qabeenya birria biiliyoona 26 walitti qabuun lammiilee balaa uumamaa fi nam-tolcheen miidhamaniif deeggarsi taasifamuu eeraniiru.

Akkasumas wagga waggaan barattoota miiliyoona 5 caalaniif soorata mana barumsaa dhiheessuu fi barana barattoota miiliyoona 7 caalaniif sagantaa soorata mana barumsaan fayyadamoo gochuusaa kaasaniiru.

Itti aanaan kantiibaa bulchiinsa magaalaa Adaamaa obbo Nigaatuu Mootummaa gamasaaniin, bulchiinsi magaalichaa miseensota sirna Buusaa Gonofaa miiliyoona walakkaa hirmaachisuun waggaatti buusii miseensotaarraa birria miiliyoona 100 caalu walitti qabuusaa eeraniiru.

Hogganaan Buusaa Gonofaa magaalaa Adaamaa obbo Waddoo Abdulkariim, Buusaa Gonofaan aadaa walgargaarsaa magaalichatti cimsuuf hojii hojjetamaa jiruun barana miseensota haaraa kuma 56 horachuusaa dubbataniiru.

Hawaasa qindeessuun rakkoolee hawaasummaa fi dinagdee furuuf hojjetamaa jiraachuu eeranii, keessumaa maneen barumsaa idileen duraa fi sadarkaa tokkoffaa magaalichaa 116 keessatti soorata barattootaa hojiirra oolchuusaanii himaniiru.

Tajaajila kana cimsuuf bara bajataa kana buusii hawaasaa fi miseensotaarraa qabeenya birrii miiliyoona 191 walitti qabuun hojiirra oolchuuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Hirmaattonni waltajjichaa yaada ENA’f kennaniin, Buusaa Gonofaan balaawwan uumamaa fi nam-tolchee ofiin damdamachuuf gumaacha olaanaa bahaa akka jiru dubbataniiru.

Keessumaa ummanni qama biraa osoo hin eegiin akka wal gargaaru, waloomnii fi walgargaarsi akka jabaatu haala mijataa uumuusaa eeranii, kun ammoo naannicharra darbee biyyaaf kan fayyadu waan ta’eef hundi hirmaannaasa akka cimsu gaafataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015