Tamsaasa Kallatti:

Ayyaana Qilleef oomisha gahaa gatii madaalawaan hawaasaaf dhiheessuuf qophiin xumurameera

Mudde 23/2018(ENA)- Ayyaana Qilleef oomisha gahaa gatii madaalawaan hawaasaaf dhiheessuuf qophii xumuruubiiroon daldalaa Finfinnee ibse.

Hooggantuun biirichaa Habiibaa Siraaj ibsa gaazexessootaaf kennaniin akka jedhanitti, ayyaana qillee bara 2018’f dhiheessiin oomishaa gahaan magaalaa Finfinneetti akka jiraatuu fi gabaan akka tasgabbaa’u qophiin taasifameera.

Shamattoonni oomisha barbaadan tasgabbaa’anii akka argatan ni taasifama jedhaniiru.

Gabaa idileen alatti karaa baazaarii, agarsiisaa fi gabaawwan Sanbataa oomishni fayyadamtootaaf gatii madaalawaan dhihaachaa jiraachuu hoggantuun kun eeraniiru.

Oomishaaleen qonnaa, industirii, beelladaa fi galteewwan beelladaa baay’inaa fi qulqullinaan gabaaf akka dhiheessan naannolee fi dhiheessitoota waliin wlitti hidhamiinsi daldalaa uumamuu kaasaniiru.

Ayyaanicha ilaalchisuun daballiin gatii hin malle akka hin jiraanne qaamolee nageenyaa fi to’annoo qindoominaan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015