Inisheetiivonni misoomaa naannoo Oromiyaatti karoorfamanii hojjetamaa jiran oomishtummaa horsiisee bulaa guddisaniiru - ENA Afaan Oromoo
Inisheetiivonni misoomaa naannoo Oromiyaatti karoorfamanii hojjetamaa jiran oomishtummaa horsiisee bulaa guddisaniiru
Mudde 23/2018 (ENA) – Inisheetiivonni misoomaa naannoo Oromiyaatti karoorfamanii hojjetamaa jiran oomishtummaa horsiisee bulaa guddisaniirusaanii Biiroon Qonnaa Naannichaa beeksise.
Maatiiwwan kuma 57 caalan naannicha godina Baaleetti sagantaa seeftiineetii misoomaa 5ffaa jalatti hammatamanii turan gargaaramuurraa oomishtummaatti cehanii har’a eebbifamaniiru.
Inisheetiivonni misoomaa fi sagantaaleen waggoottan shanan darban naannichatti hojiirra oolan oomishtummaa horsiisee bulaa fi qonnaan bulaa guddisuun qabeenya akka hiratu bu’ura ta’uusaanii hogganaan biiroo qonnaa naannichaa obbo Geetuu Gammachuu saganticharratti ibsaniiru.
Naannichatti horsiisee bultoonnii fi qonnaan bultoonni sagantaa seeftiineetii misoomaan hammatamanii gargaaramuurraa gara oomishtummaatti cehuusaanii akka fakkeenyaatti kaasaniiru.
Keessumaa namoota sagantaa seeftiineetii misoomaa baadiyyaan hammataman miiliyoon tokkoo tuqaa 7 keessaa miiliyoonni tokko tuqaa tokko wagga kana gargaaramuurraa gara oomishtummaatti akka cehan kaasaniiru.
De’eetaan ministira qonnaa doktar Fiqruu Raggaasaa gamasaaniin, inisheetiivonni misoomaa jireenya horsiisee fi qonnaan bulaa biyyattii jijjiiruu danda’an hojiirra oolaniiru jedhaniiru.
Qonnaan bultoonnii fi horsiisee bultoonni waggoottan darban sagantaa seeftiineetii misoomaan hammataman qabeenya horachuun gargaaramuurraa gara oomishtummaatti cehuusaanii himaniiru.
Sagantaan seeftiineetii misoomaa godinichatti erga hojiirra oolee eegalee namoonni hedduun fayyadamuu itti aanaan bulchaa godina Baalee obbo Abrihaam Hayilee kaasaniiru.
Maatiiwwan kuma 57 caalan godina Baaleetti sagantaa seeftiineetii misoomaa 5ffaa jalatti hammatamanii turan gargaaramuurraa oomishtummaatti cehanii har’a eebbifamuusaanii dubbataniiru.
Fuulduras bu’aa argame kana gabbisuuf hojiileen qaamolee deeggartootaa waliin eegalaman cimsuun ni raawwatama jedhaniiru.
Jiraattonni sagantaa Kanaan hammatamanii gargaaramuurraa gara oomishtummaatti jijjiiraman yaada kennaniin deeggarsa taasifameefiin cimanii hojjechuusaaniitiin qabeenya horatanii eebbifamuusaanii ibsaniiru.
Fuulduras oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf eegalan cimsanii akka itti fufan dubbataniiru.