Imalli Badhaadhina keenyaa hundarraa hundaatiin, hundaaf akka ta’u ni hojjenna - Obbo Adam Faaraah - ENA Afaan Oromoo
Imalli Badhaadhina keenyaa hundarraa hundaatiin, hundaaf akka ta’u ni hojjenna - Obbo Adam Faaraah
Mudde 23/2018 (ENA) - Imalli kallattii badhaadhina diinagdee keenyaa hundarraa hundaatiin, hundaaf akka ta’u ni hojjenna jedhan Sadarkaa itti aanaa Ministira Muummeetti itti aanaatti Hogganaan Giddugala Qindeessa Ijaarsa Sirna Dimookiraasii fi Pirezidaantii itti aanaan Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraah.
Akka obbo Adam Faaraah jedhanitti, Mootummaan Ida’amuu yaadama Ida’amuutiin qajeelfamu gaheewwan dinagdee afur irratti xiyyeeffata.
Haaluma kanaan inni jalqabaa kallattii diinagdee damee hedduu hojiirra oolchuu ta’uu eeranii, ce’umsa caaseffamaa fiduuf diinagdee magariisaa haalota jijijjiiramoo dandamatu ijaaruun badhaadhina Itiyoophiyaa kan saffisiisu dha jedhan.
Inni lammaffaa kallattii qooda fudhattoota hedduu ta’uu eeruun, qaamoleen diinagdee keessatti qooda qaban itti gaafatamummaa qeenxee fi waloo haalaan akka bahatan kan taasifamu ta’uu himaniiru.
Adeemsa kana keessatti Mootummaan gahee adda duree kan bahatu ta’uu eeranii, dameewwan dameen dhuunfaa keessatti hin hirmaanne keessatti Mootummaan dammaqinaan invast kan taasisu ta’uu eeraniiru.
Kan sadaffaan kallattii fayyadamummaa dameewwan hedduu ta’uu fi diinagdee hundi haqummaan fayyadamuu fi keessatti hirmaatu uumuudha jedhan.
Haaluma Kanaan hundaaf carraa qixa ta’e uumuun hirmaannaa fi sosochii diinagdee saffisiisuun bu’aa isaarraa hundi haqummaan akka fayyadamuuf haala mijeessuu ta’uu eeranii, hojiin imalli badhaadhina keenyaa hundarraa hundaan, hundaaf akka ta’u gochuu ni hojjetama jechuun ibsaniiru.
Kallattii arfaffaan tumsa Riijinii fi Idil-addunyaa cimsuu ta’uu ibsanii, badhaadhina gama maraa mirkaneessuun kan danda’amu warreen kaan waliin waltumsuun ta’uu himaniiru.
Walitti hidhamiinsa dinagdeetiin, faayidaa waloorratti waloon hojjechuun, sirni haqa qabeessi akka jiraatu gochuunii fi oomishaaleen biyya keessaa gabaa addunyaa irratti carraa fooyya’aa akka argataniif tumsaan hojjechuuf xiyyeeffannoon kennamuu ibsaniiru.