Milkaa’ina hojii Komishinii Marii Biyyoolessaaf hirmaannan Lammiilee Murteessaadha -Af-yaa’ota - ENA Afaan Oromoo
Milkaa’ina hojii Komishinii Marii Biyyoolessaaf hirmaannan Lammiilee Murteessaadha -Af-yaa’ota
Mudde 23/2018(ENA)– Milkaa’ina hojii Komishiniin marii biyyoolessaa hojjechaa jiruuf hirmaannaan hundaa galeessa lammiilee barbaachisaa ta’uu Af-yaa’onni Naannoolee adda addaa dubbatan.
Af-yaa’onni kun turtii ENA waliin taasisaniin Komishiniin marii biyyoolessaa hojiiwwan hanga ammaatti hojjete keessatti hirmaannaan hawaasaa akka cimuuf hojii hirmaachisummaa hojjechuusaa cimsee akka ittifufu ibsaniiru.
Af-yaa’iin Mana Maree Naannoo Hararii Sulxaan Abdusalaam akka jedhanitti, mariin waldhabdee hunda ni fura.
Kanaafis waldhabdeewwan biyya keenya keessa jiran marii’achuun nagaa fi tokkummaa cimsuuf hojiiwwan komishinichi hojjetu deeggaruun nama hundarra ni eeggama jedhaniiru.
Hawaasni barbaachisummaa marii biyyoolessaarratti hubannaa gahaa argatee deeggarsaa fi hirmaannaasaa cimsuu qaba jedhaniiru.
Af-Yaa’iin Naannoo Gambeellaa Adde Masarat Maatiwoos gamasaaniin, nageenyi guddinaa fi misoomaaf barbaachisa waan ta’eef marii’annee nageenya keenya fulla’aa gochuu qabna jedhaniiru.
Marii biyyoolessaa duudhaa tokkummaa fi waloomaa Hawaasaa dagaagsuuf murteessaa ta’uu ibsaniiru.
Nageenya amansiisaa waliigalteerratti hundaa’e fiduuf hirmaattonni wal dhaggeeffachuun marii’achuu akka qaban hubachiisaniiru.
Hirmaannaan hawaasaa Milkaa’ina misooma biyyaarratti mul’ate milkaa’ina hojii marii biyyoolessaaf shoorrisaa olaanaa ta’uu Af-yaa’iin Nannoo Benishaangul Gumuz Addee Askaal Albooroo ibsaniiru.
Marichi bu’aa qabeessa akka ta’uuf Hawaasni itti gaafatamummaa irraa eegamu akka bahuuf shoorasaani akka bahan mirkaneessaniiru.
A-ayaa’onni Naannoolee fi Bulchiinsota Magaalaa fooramii waloo Nannoo Uummattoota Kibba Itiyoophiyaatti gaggeessuunsaanii ni yaadatama.