Tamsaasa Kallatti:

Teekinooloojii humna cimaa qabu uumuuf hojiilee qorannoo cimsuun barbaachisaadha - Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa

 

Mudde 23/2018(ENA) - Hogganaan Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildii Maarshaal Birhaanuu Juulaa dandeettii teeknooloojii cimaa uumuuf qorannoo bu’uuraa gaggeessuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.

Imaammanni Qorannoo fi Misooma Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa eebbiifi ijaarsi giddugalaa gaggeeffameera.

Fiildii Maarshaal Birhaanuun wayita sanatti akka jedhanitti, qorannoo fi misoomni dandeettii dinagdee, hawaasummaa fi waraanaa biyya tokkoo ijaaruu fi dandeettii ishee sadarkaa olaanaatti ceesisuuf gahee olaanaa qaba.

Dhaabbata irra darbee, qorannoo fi qo’annoo adda addaa guddina waliigalaa biyya keenyaa fi ardii keenyaaf gumaachan gaggeessuu fi qopheessuun argannoowwan haaraa babal’isuun akka barbaachisus himaniiru.


 

Biyya fi dhaabbata guddaa ijaaramuun kan danda’amu yaada haaraa yeroo hunda maddisiisuu, guddisuu, hordofuu fi qorachuu qofaan akka ta’e ibsaniiru.

Haaluma kanaan teeknooloojii cimaa rakkoo furuu fi dantaa biyyoolessaa biyya keenyaa itti fufiinsaan eegsisu uumuuf hojii misoomaa fi qorannoo ammayyaa irratti xiyyeeffachuun barbaachisaa ta'uu ibsaniiru.

Ajajaa Kolleejjii Raayyaa Ittisaa Waar Meejar Jeneraal Bultii Taaddasaan gama isaaniitiin, giddugalli kun milkaa’ina imala jijjiiramaa Raayyaa Ittisa Biyyaa keessatti gahee bakka hin buufamne qaba jedhamee amana jedhan.

Dabalataanis, ijaarsa Raayyaa Ittisaa Ammayyaa keessatti gahee olaanaa qaba jechuun odeeffannoon Miidiyaan Oonlaayinii Raayyaa Ittisa Biyyaa ENAf erge ni ibsa.


 

Raayyaan Ittisaa Itiyoophiyaa damee nageenyaa fi teeknooloojii irratti wiirtuu yaadaa fi kalaqaa adda duree ta’uun dhaabbata sadarkaa addunyaatti dorgomaa ta’uuf haala dandeessisu akka uumus ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015