Tamsaasa Kallatti:

Hojiileen tajaajila haqaa guddisan Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 keessatti cimanii itti fufu

 

Mudde 23/2018 (ENA) -Dijitaala Itiyoophiyaa 2030’n hojiileen tajaajila haqaa saffisiisuuf eegalaman caalmaatti cimanii itti fufu jedhan Ministirri Haqaa Haannaa Ara’yasillaasee.

Haannaa Ara’yasillaaseen Walga’ii Idilee 7ffaa bara hojii 5ffaaa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa har’a gaggeeffamerratti argamuun gaaffii fi yaada kenniinsa haqaa ilaalchisee miseensota mana marichaarraa ka’aniif ibsa kennaniiru.

Tajaajila haqaa, qabiinsa mirga namoomaa sirreeffamtoota seeraa fi shakkamtoota ilaalchiisee miseensonni mana marichaa gaaffii fi yaada dhiyeessaniiru.


 

Tajaajila haqaa si’ataa fi saffisaa kennuuf naannoleetti dameen banamuu kan eeraan Haannaa Ara’yasillaaseen, tajaajila haqaa fooyya’aa ta’e kennuuf hojiileen eegalaman Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030’n caalmaatti cimanii itti fufu jedhan.

Adeemsa Qorannoo yakkaa fi himannaa saffisaa fi qulqullinaan raawwachuuf Poolisii, Abbaan Alangaa fi Manneen Murtii qindoomina isaanii caalmaatti cimsuu akka qaban hubachiisaniiru.

Dhaabbilee fi namoota mana isinii ijaarra jechuun qabeenya lammiilee fudhatanii miliqan akkasumas kanneen haasaa kabaja namaa sarban taasisan irratti tarkaanfiin seeraa fudhatamu cimee itti fufa jechuun yaadachiisan.


 

Namoota mana isinii ijaarra jechuun birrii biiliyoona 1 fi miliyoona 500 lammiilee irraa walitti qabuun miiliqan irratti himatni banamuu ibsaniiru.

Labsii deemsa falmii bulchiinsaa dabalatee seerotni haaromsaa hedduun akka qaama haaromsa kanaatti tumamuu isaanii eeruun, sirna kenniinsa haqaa irratti jijjiiramni taasifameera jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015