Dhimmi gareewwan saaxilamoo ta’anii dhimma dhaabbataa ta’ee bal’inaan hojjetamuu qaba. - ENA Afaan Oromoo
Dhimmi gareewwan saaxilamoo ta’anii dhimma dhaabbataa ta’ee bal’inaan hojjetamuu qaba.
Mudde 23/2018(ENA)- Dhimma gareewwan saaxilamoo ta’anii dhimma dhaabbataa taasisuun hirmaannaa fi fayyadamummaa isaanii guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu Ministeerri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa ibseera.
Hojii madaallii walitti dabaluun kan madaalaman Ministeerri Qonnaa fi Ministeerri Fayyaa sirni beekamtii kennuu dhaabbilee itti waamamtootaa 22 gaggeeffameera.
Ministirri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa doktar Ergoogee Tasfaayee wayita sana akka jedhanitti; rakkoolee dinagdee, siyaasaa fi hawaasummaa dubartoota, daa’imman, dargaggoota, qaama miidhamtoota, maanguddootaa fi kutaalee hawaasaa saaxilamoo biroo mudatan furuuf hojiilee hojjetamaa jiruun bu’aa jajjabeessaan galmaa’aa jira.
Haa ta’u malee, bu’aan madaallii raawwii hojii, ilaalchii fi qorannoowwan yeroo adda addaatti raawwii hojii madaallii walitti dabaluun irratti gaggeeffaman sadarkaa barbaadamu irra akka hin geenye agarsiisaniiru.
Kanaaf dhimmoota kutaalee hawaasaa kanneenii dhimma dhaabbataa taasisuun hirmaannaa fi fayyadamummaa isaanii guddisuuf ciminaan hojjechuu qabna jedhaniiru.