Pirojektoota Biyyoolessa gurguddoo Itiyoophiyaatti eegalamaniif deeggarsii qorannoo fi qo’annoo dhaabbilee Barnoota olaanoo murteessaadha - ENA Afaan Oromoo
Pirojektoota Biyyoolessa gurguddoo Itiyoophiyaatti eegalamaniif deeggarsii qorannoo fi qo’annoo dhaabbilee Barnoota olaanoo murteessaadha
Mudde 23/2018(ENA)– Milkaa’ina pirojektota gurguddoo biyyoolessaa Itiyoophiyaatti eegalamaniif deeggarsi qorannoo fi qo’annoo dhaabbilee Barnootaa olaanoo Murteessaa ta’uu Hayyoonni Yunvarsiitii wallaggaa ibsan.
Pirojektiiwwan biyyoolessaa Gurguddoon Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad Gubaarratti ifoomsan carraa egeree Itiyoophiyaa murteessan ta’uusaanii ibsuunsaanii ni yaadatama.
Milkaa’ina Pirojektoota gurguddoo kunneeniif hirmaannaa fi deeggarsi lammiilee hundaa murteessa ta’uu fi keessumaa deeggarsi qorannoo fi qo’annoo dhaabbilee Barnootaa olaanoo murteessaa ta’uu hayyoonni Yunvarsiitii Wallagaa ibsaniiru.
Yunvarsiitichatti Daarektarri gidduugala Jijjiirama Haala Qilleensaa Doktar Xannaa Raggaasaa , Pirojaktoonni gurguddoon Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahimadiin ifooman milkaa’ina Guddinaa fi olka’insa Itiyoophiyaatiif hiika addaa kan kennan ta’uu ibsaniiru.
Milkaa’ina ijaarsa pirojektichaaf tattaaffii mootummaan gamatti gargaarsi, tumsii fi hirmaannaan hunda keenyaa murteessaadha jedhaniiru.
Yunvarsiiiticha Kaampaasii Gimbiitti Daarektarri dhimma akkaadaamii Natsaannat Geetaachoo milkaa’ina hidha kanarraa ka’uun mootummaan pirojektoota gurguddoo milkeessuuf karoorsuunsaa kan raajeffatamu ta’uu ibsaniiru.
Ijaars Pirojektootaa gurguddoo kanaa yoo milkaa’u guddinaa fi badhaadhina biyyaarra darbee faayidaa fi walitti hidhaminsa misooma riijinichaaf murteessaa ta’uu kaasuun, hojiirra oolmaasaatiif waloon dhimmuun barbaachisaadha jedhaniiru.
Yunvarsiitii wallagaatti Barsiisaan Kutaa Hoggansa Barnootaa Asaffaa Qannoo, Pirojektoota biyyoolessaa gurguddoo milkeessuuf beekumsa, Maallaqaa fi humna keenyaan ida’amnee hojjechuu qabna jedhaniiru.
Keesumaa dhaabbileen Barnoota olaanoon lammii baratee fi qaroome horachuun deegartoota misoomaa biyyattii fi hirmaattota akka ta’aniif gahoomsuu qabu jedhaniiru.
Yunvarsiistiin wallaggaa erga hundeeffamee eegalee barnotaan, qorannoonii fi tajaajila hawaasaan qoodasaa gumaachuurratti argama.
Yunvarsiitichi keessumaa Qorannoowwan qonna, Fayyaa, kunuunsa Qabeenya Uumamaa fi cehumsa teekinooloojiirratti xiyyeeffatan hedduu hojjechuun olitti rakkoolee hawaasaa furuuf hojjetu cimsee itti fufeera.