Mariin biyyoolessaa rakkoolee turan mariin furuun nageenyaa fulla’aa fi walooma caalaatti cimsuuf murteessaadha - ENA Afaan Oromoo
Mariin biyyoolessaa rakkoolee turan mariin furuun nageenyaa fulla’aa fi walooma caalaatti cimsuuf murteessaadha
Mudde 23/2018(ENA)–Mariin biyyoolessaa rakkoolee turan mariitiin furuun nageenya fulla’aa fi waloomni caalaatti cimsuuf murteessaa ta’uu jaarsoliin biyyaa Naannoo Benishaangul Gumuz dubbatan.
Biyyootni hedduun duudhaalee gaarii dagaagsuun rakkoolee isaan mudatu mariin sirreessuun mootummaa cimaa ijaarrachuu danda’aniiru.
Muuxannoo kanarraa ka’uun Itiyoophiyaatti muuxannoowwan gaggaarii babal’isuu fi Dudhaalee dagaagsuun rakkoowwan ka’umsa waldhabdee ta’an bu’uurarraa hiikuu qabna.
Bu’uuruma Kanaan Komishiniin marii biyyoolessaa hundaa’uun rakkoowwan bubbulanii fi waldhabdeewwan mariin akka furamu hojjechaa jiraachuun ni beekama.
Dhimma kanarratti jaarsoliin biyyaa Naannoo Benishaangul Gumuz Yaadasaanii ENA’f kennaan Abdul Mahimmud Ibiraahim, mariin biyyoolessaa rakkoowwan bubbulan mariin furuun nageenya fulla’aa fi walooma caalaatti cimsuuf furmaata murteessaa ta’uu ibsaniiru.
Itiyoophiyaatti nageenyaa fulla’aa fi tokkummaa cimaa fiduuf rakkoolee mariitiin furuun dirqama ta’uu kaasuun waltajjicharratti hunduu hirmachuun carricha fayydamuu qaba jedhaniiru.
Komishinichi waltajjiiwwan yeroo adda addaa qopheessurratti hirmaachuu ibsuun , mariachi wal dhabdeewwan furuun nageenya fulla’aa fi tasgabbii fiduuf murteessaa ta’uu dubbataniiru.
Jaarsi biyyaa Galataa Gaagaa, waltajjiin marii biyyoolessaa hundaanuu injifataa kan taassisu furmaata nagaa waaraa Itiyoophiyaa ta’uu ibsaniiru.
Wal dhabdeewwan ka’aniif furmaata kennuun dhimma biyyaarratti ejjennoo waloo qabaachuun naaa fi waloomaaf waloon hojjechuu qabna jechuun dubbataniiru.