Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Oromiyaatti ayyaana qillee ilaalchisee dhiyeessiin gabaa  jiraachuun ibsame

Muddee 23/2018 (ENA) Naannoo Oromiyaatti ayyaana qillee ilaalchisee dhiyeessiin oomisha gabaa ayyaanaa haalaan jiraachuu Biiroon Daldala Oromiyaa ibse.

Biroon Daldalaa Oromiyaa haala dhiyeessii gabaa ayyaana Qillee ilaalchisee har’a midiyaaleef ibsa kenneera.

Itti Anaan Biiroo Daldala Oromiyaa Obbo Tasfaayee Geshoo  ibsaa kananiin akka dubbatanitti, qaamolee dhimmi ilaallatu waliin ta’uun goodinalee fi bulchiinsa magaalotaa naannichaatti dhiyeessiin qulqullina qabuu fi saffisa qabu akka jiraatu tasifameera.

Hojiiwwan dhiyeessii kana cinaattis hordoffi fi to'annon kan taasifamu yoo ta'u kana sababeeffachuudhaan yakkonni daldala adda addaa akka hin uumamneef hordoffiin nitaasifama jedhan.

Gabaawwan idileen alattis Gabaa sanbataa fi Dilbata 700 ol akka naannootti jiran irratti dhiyeessiin jiraachuu himan.

Gosonni dhiyeessi kunis oomishaalee  qonnaa, industirii, akkasumaa bu'a beeladaafi horii gaanfaa akka dabalatus dubbnataniiru.

Dhiyeessiin kunneenis, daaku qamadii, qamadii, boqqolloo, garbuu, xaaafii, akkasumas kuduraa fi muduraa, bu'aalee beeladaa fi beeladoota, killeefi meeshaaleen gabaa ayyaanaaf barbaachisan akka jiran himaniiru.

Dhiyeesii gama bu'aa industiriin, zayita nyaataa, shukkaara gati madaalawaan gama waldaaleefi yuuniyeenotaan karaa seera qabeessa ta'een haawwasni akka fayyadamuuf akka dhiyatuuf xiyyeefatameera jedhan.

Itti dabaluun Naannoo Oromiyatti fe'umsaa fi geejjiba oomishootaa salphisuuf keellawwan to'annoo  geeggeeffamaa turan sababa gabaa kanaaf kaafamani jirus jedhan.

To'annoon taasifamu kunis sochii gabaa seeran ala, kontorbaandii fi oomisha dhoksuu, gatii dabaluu, omisha yeroon irra darbe gabaaf akka hin dhiyaanne gochudhaafis Koreen to’annoo irraa hanga jalaatti hundaa’uus himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015