Bara Haaraa Faranjootaatti Maanchistar Siitiin Sendarlaandi waliin taphni gaggeessan hawwiin eegama. - ENA Afaan Oromoo
Bara Haaraa Faranjootaatti Maanchistar Siitiin Sendarlaandi waliin taphni gaggeessan hawwiin eegama.
Mudde 23/2018(ENA)– Piriimar Liigii Ingilizitti oolmaa guyyaa dhumaa torban 19ffaan taphoonni afur ni gaggeeffamu.
Galgala sa’aatii 5:00 Senderlaandi Maanchister Siitii waliin Istaadiyeemii Ooflaayititti taphni gaggeessan ni eegama.
Senderlaandi qabxii 28n sadarkaa 7ffaa qabateera.
Maanchistar Siitiin qabxii 40n sadarkaa 2ffaarra jira.
Bara Dorgommii kanatti gara Liigiitti kan guddate Senderlaandi yeroo gaarii dabarsaa jira.
Haala gaariirratti kan argamu Maanchistar Siitiin gahumsa cimaa Liigichatti agarsiisaa jira.
Manchistar Siitiin yoo injifate dursaa Liigichaa Arsenaal waliin garaagarummaa qabxii qaban gara 2tti gad buusa.
Abbaan Istaadiyeemichaa Senderlaandi yoo injifate, bu’aa taphoota wal qixaa lamaa booda gara injifannootti deebi’uu isa dandeessisa.
Sagantaawwan biroon Liivarpuul Liids Yuunaayitid waliin fi Kiristaal Paalaas Fuulhaam waliin sa’aatii wal fakkaataa galgala sa’aatii 2:30tti ni taphatu.
Biriintifoordi Tootinihaam Hootisparsi waliin galgala sa’aatii 5:00 irratti ni taphatu.