Tamsaasa Kallatti:

Godinichatti Omishtummaa Bunaa guddisuuf sanyiiwwan bunaa fooyya’an  qophaa’aa jiru   

                  
Mudde 23/2018(ENA)–  Godina Harargee Lixaatti   omishtummaa bunaa guddisuuf  biqiltuuwwan bunaa sanyii fooyya’oon qophaa’aa jiraachuu Waajjirri Qonnaa  fi Qabeenya Uumamaa Godinichaa beeksise. 
Qonnaan bultoonni kuma 230 lafa hektaara  kuma 120 olirratti buna misoomsaa jiraachuu waajjirichatti    dursaan garee  bunaa, shayii fi mi’eessituu  Olumaa Badhaanee ENAtti himaniiru.



Misooma bunaa babal’isuuf  aanaalee 12 buna biqilchanitti  Ganna dhufu biqiltuuwwan buna  sanyii fooyya’aa miiliyoonni  41 ol   qophaa’aa jiraachu eeraniiru. 
Qonnaan bultoonni kuma 20 ol qophii biqiltuu bunaarratti  hirmaachaa jiraachuu eeruun, biqiltuuwwan kun lafa hektaara kuma 70  irratti  Ganna dhufu akka dhaabaman  ibsaniiru.
Godinichatti  itti aanan bulchaa aanaa Bookee  Mahaammadzayin Abdallaa misooma bunaa babal’isuuf sanyii bunaa fooyya’aa dhiheessuun  hojjetamaa jirachuu  beeksisaniiru. 
Kanaanis buufataalee biqiltuu itti  biqilchanitti  sanyii buna fooyya’aa miiliyoona 3 ol ta’u  qophaa’aa jiraachuu  ibsaniiru. 
Biqiltuuwwan bunaa  kun waggaa lama keessatti  oomisha kan kennan ta’uu eeruun,kunuunsa biqiltuurratti qonnaan bultoonni kuma 2 ol hirmaachuusaanii himaniiru. 
Aanaa Bookeetti kunuunsa biqiltuurratti carraan hojii kan uumameefii   Aayishaa Ahimad   waggoottan darban biqiltuuwwan bunaa fooyya’oo  ooyiruusaanii irratti dhaabuun  galiisaanii guddifachuu  ibsaniiru.



Bara kana biqiltuuwwan ooyiruusaanii keessatti misoomsuurra darbee  buufata  qophii biqiltuu bunaa mootummaa keessatti kununsaan qacaramuun  galii argachuusaanii ibsaniiru. 
Waggoottan darban misooma bunaa hojjetan irraa  galii argatan babal’isuun  re’ootaa fi lukkuuwwan  horsiisuun   humna diinagdeesaanii  guddifachuu  jiraattuun aanichaa biroon  Yagillee Baqqalaa  ibsaniiru.



Buna dhuunfaan omishan cinaatti  buufata biqiltuun mootummaa itti biqilchamu keessatti hirmaachuun  muuxannosaanii gabbifachaa fi galii dabalataa argachaa jiraachuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015