Tamsaasa Kallatti:

Dijitaalli Itiyoophiyaa 2030 akka biyyaatti kan eegalame teessoo dijitaalaa magaalota hundaaf babal’isuu ni dandeessisa.

 

Mudde 23/2018(ENA) -Inistiitiyuutiin Saayinsii Hawaa fi Ji’ospeeshiyaal Itiyoophiyaa Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 sirna teessoo dijitaalaa biyyoolessaa kan akka biyyaatti eegalame, magaalota hundatti akka babal’atu kan dandeessisu ta’uu beeksise.

Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 Mudde 11/2018, Giddugala konveenshinii idil addunyaa Addisitti akka ifoomsan ni beekama.

Ergaa yeroo sana dabarsan keessatti Dijitaalli Itiyoophiyaa 2030 kaayyoowwan ijoo dhaqqabamummaa babal’isuu, carraa walqixxummaa lammiilee uumuu, wal amantaa lammiilee fi dhaabbilee guddisuu akka danda’u cimsanii dubbataniiru.

Bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa kan uummanni itti fayyadamu babal’isuun sirna dijitaalaa nama giddu galeessa godhateen jireenya guyyaa guyyaa lammiilee fooyyessuu akka barbaachisu himaniiru.

Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Saayinsii Hawaa fi Ji’oospashiyaal Itiyoophiyaa Abdisaa Yilmaa ENAtti akka himanitti, sirni teessoo dijitaalaa ijaarsa bu’uuraalee misoomaa magaalotaa mijeessuuf bu’uura ta’uu ibsaniiru.

Bu’uuraaleen misoomaa teessoo dijitaalaa qabeenya magaalaa haala bu’a qabeessa ta’een dijiitaalaan galmeessuun magaalota bifa ammayyaa ta’een hoogganaman ijaaruuf gumaacha olaanaa akka taasisan ibsaniiru.

Ka’umsa Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030tiin Teessoo Dijitaala biyyoolessaa bu’uuraalee misoomaa babal’isuun xiyyeeffannoo ijoo ta’uu hubachiisaniiru.

Sirni teessoo dijitaalaa magaalota hedduu keessatti sadarkaa adda addaatiin hojiirra oolaa akka jirus daarektarri olaanaan kun hubachiisaniiru.


 

Hojiirra oolmaan dijitaala Itiyoophiyaa 2025 haala gaariin kan goolabame ta’uufi jireenya hawaasaa karaa heddun kan mijeesse ta’uu eeraniiru.

Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 bu’uuraalee qunnamtii(komunikeeshinii) ofumaan misoomsuun tajaajila dijitaalaa haqa qabeessa ta’e babal’isuuf kan hojjetu ta’uu ibsaniiru.


 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015