IGAD Riijinichatti nageenyaa waaraa buusuuf xiyyeeffannoo addaan hojjeta - ENA Afaan Oromoo
IGAD Riijinichatti nageenyaa waaraa buusuuf xiyyeeffannoo addaan hojjeta
Mudde 23/2018(ENA)- Dhaabbanni Wal-ta'iinsa Misooma Biyyoota Baha Afrikaa (IGAD) bara haaraatti riijinichatti nagaa itti fufinsa qabuu fi misooma hunda hammate dagaagsuurratti xiyyeeffannoon kan hojjetu ta’uu barreessaa olaanaan IGAD doktar Warqinaa Gabayyoo ibsan.
Barreessaa olaanaan kun bara haaraa Faranjootaa 2026 ilaalchisuun ergaa hawwii gaarii dabarsaniiru.
Barreessaa olaanaan kun yeroo hunda bara haaraa abdii haaraanii fi mul’ata waloon eegaaluun gaarii ta’uu ibsuun, dhimmoota Riijiniif tumsaan nageenya waaraa buusuuf ciminaan hojjechuu akka barbaachisu ibsaniiru.
Waggaan darbe qormaatileen kan itti hedduummatan gama walitti bu’insaan, jijiirama haala qilleensaa fi dhiibbaawwan diinagdee kan mudatan ta’uu eeruun, qormaanni kunneen hedduummatanis cichoominni lammiilee fi tumsi humna riijinii cimee kan itti mul’ate ta’uu ibsaniiru.
IGAD bara haaraa kanatti nageenya waaraa buusuuf, cichoomina cimsuuf akkasumas sagalee dubartootaa fi dargaggootaa dhageessisuun, egeree riijinichaa keessatti qooda qaban guddisuuf cimee kan hojjetu ta’uu ibsaniiru,.
Dhaabbanni Riijinii caalaatti nageenyisaa kan mirkanaa’e, hirmaachisaa fi Riijinii lammiileen abdatan uumuuf biyyoota miseensaa fi deeggartoota misoomaa waliin tumsaan hojjechuu itti fufa jedhaniiru.
Barri haaraan Riijinichatti nageenyi waaraan kan itti mirkanaa’u akka ta’u hawwaniiru.