Komishiniin Marii Biyyoolessaa hojiiwwan fuulduratti hojjetu maal faadha? - ENA Afaan Oromoo
Komishiniin Marii Biyyoolessaa hojiiwwan fuulduratti hojjetu maal faadha?
Mudde 22/2018(ENA)-Dubbii himaan Komishinii Marii Biyyoolessaa Xibabuu Taaddasaa turtii ENA waliin taasisaniin Komishinichi hojiiwwan hanga ammaatti hojjeteen milkaa’aa ta’uu himaniiru.
Komishinichi hojiiwwan gurguddoo gara fuula duraatti hojjetu adda baasuu ibsaniiru.
Kanaanis Komishinichi yaa’ii Marii Biyyoolessaa guddaa waamuun dura hojiiwwan gurguddoon hojjetamuu qaban jiraachuusaanii beeksisaniiru.
Isaan keessaa amma tattaaffiin taassifamaa kan jiranii fi Naannoon Tigiraay adeemsa marichaa keesstti hirmachisuun tokko ta’uu eeraniiru.
Haala karoora Komishinichaan Naannichi yeroo dhihoo asitti hirmaattota adda baasuun hojii ajandaa walitti qabuu hojiirra oolchuuf tattaaffii guddaan taassifamaa jiraachuu dubbataniiru.
Ajandaan Naannoo Tigiraay erga walitti qabamee booda kan biroon xiyyeeffannoon kennamee hojiiwwan hojjetaman bocuu ta’uu ibsaniiru.
Hanga ammaatti ajandaawwan hedduu walitti qabuu eeruun, ajandaawwan kanneen keessaas ajandaawwan Marii Biyyoolessaaf kan dhiyaatan adda baafamu jedheera.
Itti dabaluunis Marii Biyyaalessaaf yoo dhiyaachuu baatanillee sadarkaa sadarkaan ajandaawwan kamtu xiyyeeffannoo barbaada kan jedhu hojiin adda baasuu ni raawwatama jedhan.
Ajandaawwan Marii Biyyoolessaaf dhiyaatan uummataa fi qooda fudhattootaaf ifa gochuu fi ajandaa qopheessuunis xiyyeeffannon kennameefii hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Adeemsichi hirmaachisaa fi hunda kan hammate akka ta’uuf hojiiwwan hojjetaman irratti hedduun hirmaachaa kan jiran yoo ta’u, kanneen hanga ammaatti adeemsa kana keessatti hin hirmaanne hirmaachisuuf tattaaffiin taasifamu cimee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.
Haaluma kanaan Komishinichi namoota yeroo ammaa adeemsa kana keessatti hin hirmaanne gara adeemsaatti fiduuf xiyyeeffannoon ni hojjeta jedhan.
Hojiileen armaan olitti ibsamanii fi kanaan walqabatan erga xumuramanii booda tarkaanfiin dhumaa Marii Biyyaalessaa waamuu akka ta’e beeksisaniiru.
Ajandaawwan konfiraansichaaf dhiyaatan irratti marii taasisuun waliigalteerra ga’uuf hojiin haadureewwanii hojjetamaa akka jirus ibsaniiru.
Komishinichi bu’uura hojii fi itti gaafatamummaa Labsii Hundeeffamummaa isaatiin itti kennameen dhimmoota marii fi waliigalteedhaan irra ga’aman hojiirra oolchuuf yaada ni qopheessa, akkasumas qaamota dhimmi ilaallatuuf ni dhiheessa, hojiirra oolmaa isaanii hordofuu fi deeggarsa kennuu ta’a jedhan.