Tamsaasa Kallatti:

Magaalichatti sirna gibirri ittiin walitti qabamu si’ataa fi haqa qabeessa ta’e hojiirra oolchuun cimee itti fufa

Mudde 22/2018(ENA)- Naannoo Oromiyaa Magaalaa Adaamaatti sirna gibirri ittiin walitti qabamu si’ataa fi haqa qabeessa ta’e hojiirra oolchuuf sochiin taassifamu cimee itti fufuu Waajjirri Galiiwwanii Bulchiinsa Magaalichaa beeksise.

Hojii gaggeessaan waajjira Galiiwwanii Magaalaa Adaamaa Obbo Balaachoo Asaffaa ENA’f akka ibsanitti, Bulchiinsa Magaalichaatti bara baajataa qabametti Idileen, Galii keessaa fi tajaajila mana qopheessaarraa birrii biiliyoona 16 tuqaa 7 walitti qabuuf karoorfamee hojiitti galamuu ibsaniiru.


 

Baatiiwwwan shanaan darbanitti sochii tassifameen galiin birrii biiliyoona 9 walitti qabamuu danda’uu beeksisaniiru.

Galiin walitti qabame karoora bara baajatichaa dhibbentaa 54 kan milkeesse yoo ta’u, kan bara darbee waktii Kanaan yoo madaalamu birrii biiliyoona 3 tuqaa 2n caalmaa qabaachuu ibsaniiru.

Bara kana karooraa ol galii walitti qabamuun kan danda’ame magaalichatti sirna gibirri ittiin walitti qabamu si’ataa fi haqa qabeessa ta’e hojiirra akka oolu taasisuun, kaffaltoota gibiraaf hubannaan kennamuufiin ta’uu ibsaniiru.

Akkasumas qaamolee daldala seeraan alaarratti bobba’an gara daldala seera qabeessaatti galchuuf qaamolee qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjechuun ta’uu kaasaniiru.

Hojimaata gibirri ittiin walitti qabamu ammayyeessuun kaffaltoonni gibiraa haala hoj-maata badaarra bilisa ta’een tajaajila gibiraa Elektirooniksii hojiirra oolchuun ta’uu ibsaniiru.

Keessumaa kaffaltoota gibiraa sadarkaa ‘A’ leenjii Elektironiksii fi haala itti fayyadama faayila fayyadamuun gibirasaanii sirnaan akka kaffalan taassisuu danda’amuu hubachiisaniiru.

Magaalichatti daldala seeraan alaa ittisuu fi to’achuuf tattaaffii taassifameen baatiiwwan shan darbanitti daldaltoota nagahee hin kunnee fi galii dhoksan irratti tarkaanfiin fudhatameera.

Kanaanis daldaltootaa nagayee malee gurgurtaa gaggeessanii fi itti gaafatamummaasaanii hin baane 384 ta’an adabamuusaanii eeruun, muraasni seeraan gaafatamaa jiraachuu dubbataniiru.

Kaffaltoota gibiraa sadarakaa ‘B’ obbo Wasan Hasan yaada kennaniin labsii gibiraa foya’ee baherratti ogeessaan hubannaan yeroo yeroon uumamaafii jiraachuu dubbataniiru.


 

Amman dura galii waggaa keenyaa beeksisuun waggaatti yeroo tokko kan kaffallu ulfaata ture kan jedhan kaffalaan gibiraa kun , haala labsii gibiraa fooya’een baatii sadi sadiiin gibirasaanii kaffaluuf haalli mijataan uumamuun galii isaanirra eegamu yeroon kaffalaa jiraachuu hubachiisaniiru.


 

Aadde Hayaat Abdullaahii gamasaaniin tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob kaffaltoota gibiraaf haala mijataa uumee fi hojimaata si’ataa diriirfameen gibirasaanii sirnaan akka kaffalan isaan dandeessisuu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015