Misooma kuduraa fi muduraa irratti bobba'uudhaan fayyadamaa jirra - Qonnaan bultoota - ENA Afaan Oromoo
Misooma kuduraa fi muduraa irratti bobba'uudhaan fayyadamaa jirra - Qonnaan bultoota
Misooma kuduraa fi muduraa irratti bobba'uudhaan fayyadamaa jirra - Qonnaan bultoota
Mudde 22/2018(ENA) – Filmaatawwan bishaanii jiru fayyadamuun misooma kuduraa fi muduraa irratti hirmaachuun qonnaan bultoonni Godina Baalee aanaa Harannaa Bulluq fayyadamoo ta’aa jiraachuu ibsan.
Godinichatti lafa heektaara kuma 15 ol irratti misoomni kuduraa fi muduraa gaggeeffamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa ibse.
Qonnaan bulaa aanaa Harannaa Bulluq kan ta’an obbo Abdurahiman Hasannuur ENA waliin turtii taasisaniin, filmaatawwan bishaanii faayyadamuun misooma kuduraa fi muduraa irratti bobba’uun fayydamoo ta’aa jiraachuu himaniiru.
Sanyii Timaatimaa fooyya’aa waajjira qonnaa irraa argatanii misoomsaniin, oomisha bara tokkoo irraa hanga birrii kuma 200 argachuu ibsaniiru.
Oomisha bara kanaa fooyyessuunii fi babal’isuun yeroo ammaa kana hanga birrii kuma 300 argachuu eeruun,galii irraa argataniin jireenya isaanii fooyyeffachuu dubbataniiru.
Lafa heektaara walakkaa irratti paappaayyaa,timaatimaa fi qaaraa(corqaa) oomishaa maatii ofii danda’anii gabaaf dhiyeessaa jiraachuu kan dubbatan immoo jiraataa aanichaa obbo Adar Addisuu Shifarraa dha.
Oomisha bara kanaan immoo gara lafa heektaara tokkoo fi walakkaatti guddifachuu isaanii eeruun, galiin waggaa isaanii yeroo amma birrii kuma 400 akka gahe himaniiru.
Qonnaan bulaan Amiin Aliin gama isaaniin, "Misooma qonnaa irratti keessumaa kuduraa fi muduraa irratti yoo cimanii hojjettan, nyaataan of danda’uu irra darbee jireenya ofii jijjiiruun ni danda'ama" jedhan.
Filmaatawwan bishaanii naannoo isaanii jiruu fi paampii motora bishaan harkisu fayyadamuun oomisha bara kana oomishan irraa birrii kuma 250 argachuu isaanii eeruun, misooma waliigalaa kanarraa hanga birrii miliyoona walakkaa argachuuf karoorfachuu isaanii ibsaniiru.
Hogganaan Waajjira Qonnaa fi Lafaa aanaa Harannaa Bulluqii fi itti aanaan bulchaa godinichaa obbo Awal Umar misooma kuduraalee fi muduraalee godinichatti xiyyeeffannoon kennamee akka hin turre yaadachiisaniiru.
Yeroo ammaa qonnaan bultoonni teeknooloojii jallisii ammayyaa fayyadamuun ooyiruu xixiqqaa irrattillee akka oomishaniif deeggarsaa fi hordoffiin taasifamaa jiraachuu eeraniiru.
Itti Aanaan Itti Gaafatamaa Waajjira Qonnaa Godina Baalee obbo Mu’aawiyaa Fu’aad akka jedhanitti, Godinicha keessatti lafa heektaara kuma 15 ol irratti misoomni kuduraa fi muduraa hojjetamaa jira.
Qonnaan bultootaaf sanyiiwwan damee kuduraa fi muduraa filatamaa ta’an dhiyeessuu fi teeknooloojii ammayyaatiin deeggaruun misoomni kunis inisheetiviin hojjetamaa jira jedhan.
Misoomni kun gabaa biyya keessaa tasgabbeessuun gumaacha olaanaa taasisaa akka jirus hubachiisaniiru.