Tamsaasa Kallatti:

Hospitaaloonni hundi dijiitaala Itiyoophiyaa 2030tiin tajaajila fayyaa dijitaalaa akka kennan ni taasifama

Mudde 22/2018 (ENA)– Hospitaaloonni hundi dijiitaala Itoophiyaa 2030tiin tajaajila fayyaa dijiitaalaa kennuu akka danda’aniif galteewwan barbaachisoo guutamaa jiraachuu De’eetaan Ministira Fayyaa  Doktar Darajjee Dhugumaa ibsan.

Itiyoophiyaan fayyaa fi nageenya hawaasummaa lammiilee ishee mirkaneessuuf imaammatootaa fi tarsiimoowwan fayyaa idil-addunyaa fi biyya keessaa hojiirra oolchitee jirti.

Kanaanis imaammata fayyaa ittisa irratti hundaa’e fayyadamuun du’aatii haadholii fi daa’immanii hir’isuudhaan kaayyoo misooma itti fufiinsa qabu jalatti kaa’aman dursee milkeessuu danda’teetti.

Doktar Daraijjee Dhugumaan ENA’tti akka himanitti, Ministeeri Fayyaa dhaabbilee fayyaa bittaa galteewwaniin ammayyeessuun, tajaajila fayyaa dijiitaalaan deeggarame kennuun, teknoloojii dijiitaalaa haala fooyya’aan fayyadamuun dhaabbata fakkeenya gaarii ta’e dha.

Tarsiimoon Dijiitaala Itiyoophiyaa 2030 sektara fayyaatiif carraa gaarii akka fide himuun, xumura tarsiimoo kanaan dhaabbileen fayyaa hedduun sirna odeeffannoo isaanii gara sirna dijiitaalaatti akka ceesisan ibsaniiru.

Bara 2030tti Itiyoophiyaa keessatti hospitaalonni hundi tajaajila guutummaatti waraqaa malee akka kennaniif galteewwan tajaajila dijitaalaa barbaachisoo ta’an guutamaa jiraachuu himaniiru.

Ogeeyyiin Fayyaa Ekisteenshinii sirna fayyaa hawaasaa irratti hundaa’e keessatti odeeffannoo gandarra jiran sirna dijiitaalaan qabatanii gabaasa ittiin dhiyeessan akka jiru ibsaniiru.

Kanaafis, adeemsa kana guutummaatti hojiirra oolchuun tajaajilli dijitaalaa sektara fayyaa keessatti sadarkaa olaanaa akka qabaatu ni taasifama jedhaniiru.

Dhaabbilee fayyaa giddugaleessa godhachuun sirnoonni odeeffannoo gara dijitaalaatti akka ce’an kan ibsan Doktar Daraijjeen, hojmaanni to’annoo ogeeyyii fayyaa irratti gaggeeffamu hojiirra akka oolu ibsaniiru.

Dijitaala Itoophiyaa 2030’n lammiileen mana isaanii taa’anii gorsa fayyaa fi tajaajila akka argatan, akkasumas beellama fayyaa salphaa fi saffisaan akka qabatan carraa uuma jedhaniiru.

Dabalataanis, sirni dijitaalaa odeeffannoo yaalaa dhukkubsattootaa salphatti argachuuf dandeessisan hojiirra akka oolu eeranii, galteewwan, galteewwan sirna odeeffannoo dijitaalaa kana hojiirra oolchan gara biyyaatti galfamaa akka jiran ibsaniiru.

#Ena Afaan Oromoo#ENA#TOI

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015