Tajaajila Humna Ibsaa waliin gahuuf xiyyeeffannoon kennameera - ENA Afaan Oromoo
Tajaajila Humna Ibsaa waliin gahuuf xiyyeeffannoon kennameera
Mudde 22/2018(ENA) - Tajaajilli Elektirikaa Itiyoophiyaa lammiileen Tajaajila Humna Ibsaa akka argatan hojmaata isaa babal’isuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu beeksise.
Tajaajilichi akka ibsetti, naannoo hawaasni hedduumminaan keessa jiraatutti Tajaajila Humna Ibsaa sa’aatii 24 guutuu akka argataniif xiyyeeffannoo kenneen magaalaa Finfinnee Manneen Waliin Jireenyaa Caffee Bulbulaatti hawaasni tajaajilicha argachaa jiraachuu himeera.
Baatii tokko keessatti hojiilee bu’uuraalee misoomaa diriirsuu xumuruun hawaasa fayyadamoo taasisuu danda’uu kan ibsan hojii gaggeessaa Komunikeeshinii Tajaajila Elektirikaa Itiyoophiyaa Anwaar Abraar dha.
Haaluma kanaan jiraattonni 575 Manneen Waliin Jireenyaa Caffee Bulbulaa bilookii 23 keessa jiraatan ibsaa argachuu danda’uu isaanii ENAf mirkaneessaniiru.
Jiraattota Manneen Waliin Jireenyaa kana fayyadamoo Humna Ibsaa taasisuuf sarara lafa jalaa sadarkaa sarara elektirikaa kiiloo meetira tokko giddu galeessaa fi tokko qabxii tokko immoo sarara gadi aanaa lafa jala kan awwaalamu diriirfamuu isaas ibsaniiru.
Dabalataanis tiraansifoormaroonni 4 abbaa kiiloo Voolti Ampeerii 630 qaban dhaabamuu himaniiru.
Jiraattonni kunneen kanaan dura fayyadamtoota dhuunfaa osoo hin taanee lakkooftuu abbaa feezii sadii waliin itti fayyadamaa akka turan yaadachisaniiru.
Fayyadamtoonni gama isaaniitiin waggoota shanan darbaniif buddeena tolchuufis ta’e hojiilee biroo hojjechuuf rakkachaa akka turan himaniiru.
Yeroo dheeraaf adda ciccitiinsa Humna Ibsaa fi humna dhabuu Humna Ibsaatiin rakkachaa akka turan eeruun, amma fayyadamoo waan ta’aniif rakkoon isaanii furmaata argachuu dubbataniiru.