Paarkiin qindaa’aa Industirii Naqamtee bara kana ijaarsa isaa xumurun hojjiitti seenuuf qophii isaa xumuraa jira - ENA Afaan Oromoo
Paarkiin qindaa’aa Industirii Naqamtee bara kana ijaarsa isaa xumurun hojjiitti seenuuf qophii isaa xumuraa jira
Mudde 22/2018(ENA) - Ijaarsi Paarkii qindaa’aa Industirii Naqamtee bara kana ijaarsa isaa xumurun hojitti seenuuf qopii xumaraarra akka jiru korporeeshiniin misooma paarkiwwan Oromiyaa ibse.
Itti aanaan korporeeshinichaa obbo Mangistuu Raggaasaa ENA waliin turtii taasisaniin akka jedhanitti, ijaarsi paarki qindaa’aa industirii Naqamtee yeroo ammaa kana ijaarsi isaa xumuramaa jira.
Ijaarsi Paarkichaa bara 2013 kan jalqabame yoo ta’u bajata birrii biiliyona 10 tuqaa 2’n hojiinsaa raawwiirra jira jedhan.
Paarkichaaf hojiiwwan ijaarsa gamoo bulchiinsaa xumuramaa kan jiru yoo ta’u, humna namaa qopheessuu fi guutuus ciminaan itti fufuusaa himaniiru.
Haaluma Kanaan yeroo ammaa kana hojiin boolla bishaanii qopheessuunii, sarara bishaanii fi ibsaa diriirsuun ariifataa jiraachuus kaasaniiru.
Paarkichaaf magaalaa Naqamtee keessatti sheedonni sadii ijaaramaa jiraachuu eeranii, yeroo gabaabaa keessatti ni xumuramas jedhaniiru.
Paarkin kun guutummaa guutuutti gara hojiitti yoo seenu Abbootii qabeenyaa hanga 100 simachuu akka danda'u eeraniru.
Paarkiin kun abbootii qabeenyaaf lafa hektaara 250 qopheesse keessaa yeroo ammaa kana hektaara 10 abbaa qabeenyaaf dabarsuusaa dubbataniiru.
Paarkichi guutummaa guutuutti gara hojiitti yeroo galu oomisha ga’aa akka argatuuf qaamolee ilaallatan waliin hojjeta jirra jedhan.
Paarkiin kun ijaarsi isaa xumuramee guutumaa guututti gara hojiitti yeroo galu keessumaa hawaasa kutaalee kibba Oromiyaa fi qonnaan bultoota naannichaa caalaatti fayyadamaa kan taasisisu ta’uus himaniiru.