Tamsaasa Kallatti:

Walii gateewwan hoggantoota gidduutti taassifaman hojiirra oolchuuf hojjetamaa jira

Mudde 22/2018(ENA)-Walii galteewwan Hogantoota Itiyoophiyaa fi Hindi gidduutti taassifaman hojiirra oolchuu fi michummaa tarsiimo’aa biyyoota lamaanii cimsuuf hojjetamaa jiraachuu Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Hindi Aniil Kumaar Raay ibsan.

Hariiroon biyyoota lamaanii gara michummaa tarsiimo’aatti guddachuun daldalaa fi dinagdeerra darbee bal’ina tumsa isaanii ni babal’isa jedhaniiru.

Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Hindi Aniil kumar Raay ENA waliin turtii taasisaniin akka ibsanitti, Itiyoophiyaa fi Hindi biyyoota hariiroo yeroo dheeraa waliin qabanidha.

Itiyoophiyaan hinditti Gidduugala Aadaa biyyoota Afriikaa keessaa biyya qabdu ta’uu eeruun, Aadaa Itiyoophiyaa Hinditti caalaatti beeksisuuf akka hojjetamu dubbataniiru.

Daandiin qilleensa Itiyoophiyaa torbanitti balallii 40 ol Hinditti akka taasisu kan beeksisan Ambaasaaddarichi, Ambaasaaddara Aadaa Itiyoophiyaa jechuun dhaabbaticha jajataniiru.

Daawwannaa Ministira Muummee Nariindiraa Moodii hordofee hariiroon Itiyoophiyaa fi Hindii gara michummaa tarsiimo’aatti guddachuu dubbataniiru.

Hariiroon biyyoota lamaanii gara michummaa tarsiimo’aatti guddachuu daldalaa fi Dinagdeerra darbee baay’ina tumsaa isaanii kan babal’isuu ta’uu eeraniiru.

Daawwanicha hordofee Biyyoonni lamaan Gumurukiin, Hojii nageenya kabachiisuun, gidduugala daataa Ministeera dhimma alaa Itiyoophiyaa ijaaruu dabalatee walii galteewwaan adda addaa mallatta’uu yaadataniiru.

Hariiroon biyyootaa gara michummaa Tarsiimo’aatti guddachuun tumsa kibba kibbaa kan cimsuu fi biyyoonni tumsa idil- Addunyaa qaban kan dagaagsu ta’uu hubachiisaniiru.

Lakkoofsa Itiyoophiyaanota carraa barnootaa Hinditti argatanii dachaan guddisuuf waliigalteerra ga’amuu kaasaniiru.

Biyyoonni waloon hojjechuuf hojiiwwan walii galan raawwachuu fi michummaa tarsiimo’aasaanii cimsuuf rood maappiin qophaa’aa jiraachuu ibsaniiru.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015