Hidhi Haaromsaa Ilaalcha koloneeffataa akka xumuramu taasisuun tumsa Boqonnaa haaraa baneera - ENA Afaan Oromoo
Hidhi Haaromsaa Ilaalcha koloneeffataa akka xumuramu taasisuun tumsa Boqonnaa haaraa baneera
Mudde 22/2018(ENA)-Hidhi Haaromsa Itiyoophiyaa Guddichi laga Abbayyaarratti Ilaalcha Koloneeffattootaa akka xumuramuu fi pirojektii Boqonnaan haaraan akka banamu taasise ta’uu Siwiidin Yunvarsiitii Upsalaatti Qorataan kutaa nageenyaa fi walitti bu’iinsaa Pirofeesar Ashooki Siween ibsan.
Pirofeesar Ashook Siween hojii qorannoon Alattis Durataa’aa walta’insa Bishaanii Idil-Addunyaa Dhaabbata Barnootaa, saayinsii fi Aadaa Dhabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNESCO) ti.
Pirofeesarri kun Hidhi haaromsaa Xumuramee yeroo hojii eegaletti Itiyoophiyaan Dippilomaasii Afriikaa keessatti dhiibbaa guddaa geessisuushee kan argisiisu ta’uu turtii ENA waliin taasisaniin ibsaniiru.
Itiyoophiyaan Eebbifamuu Hidha Haaromsaan Afrikaaf ergaa cimaa dabarsuushee dubbataniiru.
Hidhi Haaromsaa milkaa’ina guddaa maandisaa fi injifannoo dippiloomaasii ta’uu hubachiisuudhaan, ijaarsi kun dhiibbaa alaa dandamachuunii fi karooraan gaggeeffamuun bu’aa galmeessisuu danda’uu isaa hubachiisaniiru.
Itiyoophiyaan Gibtsii fi deeggartootasheen dhiibbaa girra ahu dandamachuun pirojaktii guddaa xumurteetti jedhaniiru.
Hidhi haaromsaa Itiyoophioyaanonni mootummaa waliin dhaabbachuun kan dhugoomsan milkaa’ina biyyoolessaa ta’uu Durataa’aa walta’insa Bishaanii Idil-Addunyaa UNESCO dubbataniiru.
Hidhichi yaadama Afriikaan ofiisheen hojjechuu dandeessi jedhu qabatamaan mul’isee kan argisiise ta’uu ibsaniiru.
Biyyoonni Afriikaa Faayinaansii Alaa eeguun alatti humna mataasaaniin pirojektii guddaa ijaaruu akka danda’ani kan barsiisu ta’uu dubbataniiru.
Hidhichi yaada koloneeffataa bara dheeraa laga Abbayyaa kan biyya tokkoo qofa jedhu xumureera jedhan.
Lagni Abbayyaa biyyoota hedduuf faayidaa kan kennu ta’uu kan ibsan pirofeesarri kun Abbayya karaa haqa qabeessaa fi wal-qixxummaan fayyadamuun akka danda’amu agarsiiseera jedhaniiru.
Biyyoonni Sulula olii lageensaanii mirga misoomaaf fayyadamuu akka qaban hubachiisaniiru.
Hidhi Haaromsaa Guddina Itiyoophiyaaf shoora olaanaa akka bahu fi humna ibsaa Uummatasheef, Industiriishee fi Magaalasheef ishee barbaachisa jedhaniiru.
Hidhichi biyyarra darbnee biyyoota Riijiniif faayida akka qabu hubachiisaniiru.
Masiriin tumsa Aannisaa riijinichaarraa fayyadamoo ta’uu dandeessi jechuun kan ibsan yoo ta’u, dhimma bishaanii irratti tarkaanfii gama tokkoon fudhachuu dhiistee biyyoota qargaraa suluulaa jiran waliin tumsaan hojjechuu akka qabdu ibsaniiru.
Hawaasni Idil -Addunyaa biyyoonni sululaa qabeenya bishaanii daangaa ce’aa mirga waloon misoomsuu beekamtii akka kennu kaasuun masiriin kana akka kabajju dubbataniiru.
Gama biroon Itiyoophiyaan Gaaffii Ulaa galaanaa argachuu sirrii ta’uu kaasuun mirga ulaa galaanaa argachuushee sochiiwwan gufachiisan sirrii akka hin taane kaasaniru.
Biyyoonni qargara lagaa ittifayyadama bishaaniirratti dhiimmoota jiran mariin hiikuu akka qaban hubachiisaniiru.