Tamsaasa Kallatti:

Hojiileen eegumsa naannoof taasifaman oomishaa fi oomishtummaa guddisaniiru- Biiricha

 

Mudde 22/2018(ENA) - Waggoottan darban keessa hojiileen kunuunsaa fi eegumsa qabeenya uumamaaf taasifameen oomishaa fi oomishtummaan akka dabalu taasiseera jedhe Biiroon Qonnaa Beenishaangul Gumuuz.

Itti aanaan itti gaafatamaa biirichaa fi itti gaafatamaan damee qabeenya uumamaa obbo Abdulkariim Muusaa akka jedhanitti, hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii bara kanaa baatii Amajjii keessa ni eegala.

Hojiin kun aanaalee hunda keessatti akka hojjetamu eeruun, kutaaleen hawaasaa hedduun akka hirmaatan beeksisaniiru.

Haaluma kanaan lafa heektaara kuma 57 ol ta’u irratti hojii kunuunsa biyyee fi bishaanii raawwachuuf karoorfamuu ibsaniiru.

Bara darbe lafa heektaara kuma 52 irratti hojiin kunuunsa qabeenya uumamaa hojjetamuu yaadachiisaniiru.

Hojiin kunuunsa qabeenya uumamaa waggoota darban keessatti hojjetaman bu’aa hedduu argamsiiseera jechuun ENAtti himaniiru.

Faayidaalee kanneen keessaa oomishaa fi oomishtummaa dabaluu, dhiqama biyyee hir’isuu, burqaawwan bishaanii guddisuu fi itti fayyadama jallisii dabaluu eeraniiru.

Faayidaa kunuunsi qabeenya uumamaa qabu hedduu ta’uu hubachuun, hawaasni hojii kunuunsa biyyee fi bishaanii baatii Amajjii keessa eegalamu iraatti hirmaannaa cimsuu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015