Ayyaana qillee dhufu sababeeffachuun oomishaaleen qonnaa fi industirii ga’aan magaalattiitti dhihaachaa jira - ENA Afaan Oromoo
Ayyaana qillee dhufu sababeeffachuun oomishaaleen qonnaa fi industirii ga’aan magaalattiitti dhihaachaa jira
Mudde 21/2018(ENA)-Ayyaana qillee dhufu sababeeffachuun oomishaaleen qonnaa fi industirii ga’aan magaalaa Adaamaatti dhihaachaa jiraachuu bulchiinsi magaalichaa beeksise.
Ayyaana qillee baranaa sababeeffachuun omishtootaa fi shamattootaa walitti fiduuf kan karoorfame agarsiifnii daldalaa fi baazaariin magaalaa Adaamaatti banameera.
Itti aanaan kantiibaa bulchiinsa magaalaa Adaamaa obbo Maatiyaas Sobbooqaa wayita sana akka ibsanitti, ayyaana qillee dhufu sababeeffachuun oomishaaleen qonnaa fi industirii ga’aan magaalaa Adaamaatti የdhihaachaa jiru.
Kanaaf ammoo gareen invastimantii Adaamaa qaala’insa gatii oomishaalee qonnaa fi galteewwan beelladaa tasgabbeessuurratti hojii jajjabeessaa hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Haala Kanaan keessumaa aannan, hanqaaquu, kuduraa fi muduraa, zyita nyaataa fikanneen biro gatii madaalawaan dhiheessaa jiraachuu eeraniiru.
Paartii badhaadhinaatti hogganaan waajjira dame Adaamaa obbo Ashannaafii Ajjamaa waltajjicharratti akka jedhanitti, qaala’insa jireenyaa magaalichaa ittisuuf hojiileen garagaraa hojjetamaa jiru.
Haala Kanaan oomishtoonni oomishasaanii kallattiin shamattootaaf akka dhiheessan gochuun qaala’insa gatii hir’isuun hawaasni gatii madaalawaan bittaa akka rawwatu taasifamaa jiraachuu dabalanii dubbataniiru.
Hojii raawwachiisaan garee invastimantii Adaamaa obbo Buzunaa Girmaa gamasaaniin, gareen invastimantii kun gabaa tasgabbeessuuf guyyaatti aannan liitiroo kuma 2 fi 500 fi hanqaaquu gabaaf dhiheessaa akka jiru eeraniiru.
Dabalataanis gareen kun walitti hidhamiinsa gabaa uumuun mmishaaleen qonnaa fi shaqaxoonni gatii madaalawaan akka dhihaatu gochaa jiraachuu eeree, hawaasa daldalaa magaalichaa waliin ta’uun baazaarii qopheessuusaa ibsaniiru.